Itoophiyaa fi Ameerikaan hariiroo gam-lameesaanii cimsachuuf kutannoo qaban ibsa - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaa fi Ameerikaan hariiroo gam-lameesaanii cimsachuuf kutannoo qaban ibsa
Onkoloolessa 9/2019 ( ENA) Itoophiyaa fi Ameerikaan dinagdee dabalatee tumsa gam-lamee isaanii caalaatti guddisuuf kan hojjetan ta'uu beeksisaniiru.
Waltajjiin waggaa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa bara 2026 Taayilaandi, Baankookitti gaggeeffameera.
Gareen jila Itoophiyaa Bulchaa baankii biyyaalessaa Itoophiyaa Dr. Iyyoob Takaalenyiin durfamu, walga’ii waggaa kana cinaatti Itti-aanaa gargaara Ministira Dinagdee Ameerikaa, ganfa Afrikaa fi Baha giddugaleessaa Eerik Meeyer waliin marii taasisaniiru.
Mariin gam-lamee kun riifoormii dinagdee waliigalaa Itoophiyaan gaggeessaa jirtu itti fufsiisuu fi ariifachiisuuf deeggarsa teeknikaa fi faayinaansii guddisuuf haala danda'amu irratti, keessattuu deeggarsa gama dhaabbilee faayiinaansii addunyaan taasifamuu danda'an irratti kan xiyyeeffate dha.
Itti-aanaan Gargaaraan Ministiraa Eerik Meeyor kutannoo Itoophiyaan riifoormii dinagdee hojiirra oolchuuf taasisaa jirtu dinqisiifataniiru.
Ameerikaan tumsa gam-lameen akka jiraatuuf kutannoon kan hojjettu ta'uu mirkaneesaniiru.
Dhumarrattis, galmaan ga’insa guddina waliinii fi tasgabbii naannichaa cimsachuuf marii bu’aa qabeessa ta’e cimsuun kan itti fufan ta’uu walii galtee irra gahaniiru.