Tamsaasa Kallatti:

Godina Kibba Lixa Oromiyaatti oomisha bunaa toonii kuma 779 ol sassaabuuf hojjetamaa jira.

Onkoololessa 9/2019 (ENA) Godina Kibba Lixa Oromiyaatti oomisha bunaa toonii kuma 779 walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Hoggantootni olaanoon Godina Kibba Lixa Oromiyaa Aanaa Limmuu Kossaatti hojii misooma bunaa daawwataniiru.


Daawwannaa kanaarratti kan argaman Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Bulchaa Godinichaa Doktar Rashaad Kamaal buna qulqullina qabu funaanuun qulqullinaaf baayyinaan gabaa alergiif oolchuun sharafa alaa biyyaaf argamsiisuu fi galii qonnaan bulaas guddisuuf hojjetamaa jiraa jedhaniiru.


Keessumaa buna sanyii filatamaa babal'isuu fi oomisha argamus qulqullinaan sassaabuurratti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Godinichatti bara kana oomisha toonii kuma 779 ol argachuuf karoorfamee sassaabbiin oomishaa eegalamuu Koomunikeeshiniin godinichaa gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015