Tamsaasa Kallatti:

Gurmaa’insi haaraan guddina magaalotaa fi tajaajila si’ataa kennuuf carraa guddaadha

Onkoloolessa 8/2019 (ENA) Caasaa haaraan Naannoo Oromiyaa tajaajila ariitiin argachuu fi guddina magaalotaatiif carraa guddaa kan uumuu ta’u jiraattonni Godina Kibba Lixa Oromiyaa Aanaa Limmuu Kossaa dubbataniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf,rakkoo birokiraasii hir’isuu fi tajaajila si’ataa uummataaf akka kennamuuf fooyya’insa caasaa haaraa hojiirra oolchaa jira.

Caasaa haaraa kanaaf bakka bu'insi aangoo fi tajaajilaa kanaan dura ture gara godina, aanaa fi gandaatti gadi kan bu'e yoo ta'u, dabalataanis godinoonni naannichaa haala qabatamaa fi dinagdee naannoo isaaniirratti hundaa'uun godinaalee gurguddoo irratti akka qindaa’an taasifameera.


 

Haaluma Kanaan Godina Kibba Lixa Oromiyaatti Aanaan Limmuu Kossaa caasaa haaraa kana irratti hundaa'uun bakka teessuma dhaabbilee nageenyaa fi kanneen biroo godinichaa ta'uun filatamuun isaa ni yaadatama.

Sadarkaa Itti aanaa Pirezidaantii naannoo oromiyaatti Bulchaa Godinichaa Doktar Rashaad Kamaal dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa godinaa fi aanaa Aanaa Liimmuu Kossaatti argamuun sochiiwwan misoomaa adda addaa daawwataniiru.

wayita sana jiraattonni aanichaa yaada isaanii ENA’f kennan akka ibsanitti, caasaa haaraan guddina magaalaatiif fi tajaajila saffisaa ta'e kennuuf carraa guddaa qabatee dhufuusaa dubbataniiru.

Caasaa haaraa kanaan adeemsi murtoo uummataatti dhihaachuu isaatiin birokiraasii kan hambise, murteewwan guddina bu'uura misoomaa fi magaalaa kan saffisuusu akka ta’u dubbatanioiru.

Jiraattota aanicha keessaa Obbo Iskindir Yohaannis akka dubbatanitti, caasaan kun guddina magaalaatiif gahee guddaa qaba.


 

Keessattuu Magaalaa Liimmuu waggoota dheeraaf xiyyeeffannoo dhabdeef carraa guddaa ta'uu dubbataniiru.

Magaalittiin bakka teessuma dhaabbilee nageenyaa fi haqaa godinichaa adda addaa ta'uun filatamuun ishee gammachuu fi kaka'umsa guddaa uumuu isaa ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuu Obbo Guutamaa Kadirii fi Obbo Tasfaayee Geetaachoo caasaan haaraa naannichaa tajaajila saffisiisuuf mijataa ta'uu dabalatee yeroo fi maallaqa uummataa kan qusatu ta'uu dubbataniiru.

Kana malees, hojiilee bu'uuralee misoomaaf carraa guddaa ta’uu ibsaniiru.

Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii naannoo oromiyaatti Bulchaa Godinichaa Doktar Rashaad Kamaal jijjiirramni caasaa bulchiinsa Naannoo Oromiyaa tajaajiloota mootummaa gara uummataatti dhiheessuuf, dandeettii bulchiinsaa guddisuufi hojiilee misoomaa ariifachiisuuf gurmaa’insa murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Keessattuu sekteroonni mootummaa gurguddoon bakka tokko ta’uurra magaalota adda addaatti argamuun yeroo fi baasii kan qusate ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Godinichaa Obbo Diidhaa Guddataa,gurmaa’insi kun lammii dinagdeen cimee fi of danda'e horachuuf faayidaa guddaa qabaachuu dubbataniiru.

Caasaan kun hanqina bu'uura misoomaa naannicha keessa jiru furuuf, guddina magaalotaa cimsuu fi rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf gahee guddaa qabaachuu Obbo Diidhaan ibsaniiru.


Itti gaafatamaan Waajjira nagaa Godinichaa Obbo Juneeddii Imaam gama isaaniin caasaan kun nagaa fi tokkummaa uummataa itti fufsiisuuf gahee guddaa akka qabaatu eeruun; hojiirra oolmaa isaatiif xiyyeeffannoon ni hojjanna jedhaniiru.

Hoggantoonni jijjiirramni caasaa kun kaayyoo yaadameef akka galmaan ga'uuf hirmaannaa uummataa cimsuun, dandeettii bulchiinsaa guddisuun fi hojiilee misoomaa xiyyeeffannoon raawwachuun jijjiirrama kana galmaan gahuuf akka hojjetan ibsaniiru.

 

 


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015