Tamsaasa Kallatti:

Dorgommii Maaraatoonii Atileetiksii Toroontoo fi Amisteerdaam irratti Atileetonni Itoophiyaa hawwiidhaan eegamu

Onkoloolessa 8/2019 (ENA) Maaraatooniin Toorontoo 37ffaan har'a waaree booda sa'aatii sagal irraa eegalee ni gaggeeffama.

Dorgommicharratti Koorniyaa lamaaniinuu atileetoonni Itoophiyaa 11 ni hirmaatu.

Dubartootaan Ayinaadis Tashoomee, Maarituu Katamaa, Nigisti Haaftuu, Zawdiituu Adaraaw, Ilfinash Damsee fi Qabbanee Caalaa ni hirmaatu.

Maaraatoonii Siyeel bara kanaarratti sa'aatii 2 fi daqiiqaa 20 sekondii 51 galuun kan injifatte Ayinaadis Tashoomee dorgommicha ni injifatti jedhamuun atileetota hawwiin eegaman keessaa tokko dha.

Yeroon isheen itti seentes yeroo fooyyee dhuunfaa fageenyichaa ti.

Sa'aatiin 2 fi daqiiqaa 16 sekondii 07 yeroo fooyyee dhuunfaa ishee kan ta'e Maarituu Katamaanis atileetii biraa kan eegamtu dha.

Atileetonni lammii Keeniyaa Ruut Chebitook fi Biitriis Cheseerek dorgomtoota cimoo atileetota Itoophiyaa ta'u jedhamuun eegamu.

Dinqalaam Ayyaalaa, Gizaalaw Ayyaanaa, Limanih Geetaachaw, Yismaaw Axinaafuu fi Fiqaaduu Liichee Atileetota Itoophiyaa dhiirootaa hirmaatanidha.

Sa'aatii 2 fi daqiiqaa 6 sekondii 43 yeroo dhuunfaasaa kan fooyyeefate qabu Dinqalaam Ayyaalaa atileetota tilmaama injifannoo argatan keessaatti argama.

Akkasumas Gizaalaw Ayyaanaa Atileetii biraa kan eegamu yoo ta'u, sa'aatii 2 fi daqiiqaa 5 sekondii 35 yeroo fooyyee dhuunfaasaa qaba.

Dhiirootaan injifataan Maaraatoonii Toorontoo yeroo ammaa atileetiin lammii keeniyaa Leeyonaardi Laangaat fi atileetiin biyyattii biraa Elviis Cheboy dorgommicharratti ni eegamu.

Maaraatoonii Toorontoo 37ffaarratti koorniyaa lamaaniinuu atileetonni 44 ni hirmaatu.

Atileetota kana dabalate namoonni kuma 30 ol hirmaattota dha.

A.L.A bara 1990 kan jalqabame Maaraatoonii Toorontoo dorgommii Atileetiksii Addunyaatiin beekamtii kan qabu (World Athletics Elite Label Road Race) dha.

dabalataanis Maaraatoonii Amisteerdaam 50ffaan har'a ganama sa'aatii afur irraa eegalee ni gaggeeffama.

dorgommichaan Dubartoota injifatan yeroo ammaa Ayinaalam Dastaa ni eegamti.

Masarat Ballaxxaa, Buuzee Dirribaa, Mastaawot Fiqiree fi Yashii Kaalayyuu dorgommicharratti ni hirmaatu.

Dhiirootaan Lammii Birhaanuu, Tsaggaayee Geetaachoo fi Hayimaanot Aleewu kan hirmaatan ta'u.

Maaraatoonii Amisteerdaam sadarkaa Pilaatiiniyamii Atileetiksii Addunyaatiin kan kennameefiidha.

Miseensa Maatii Dijiitaalaa ENA ta’aa 👉 https://linktr.ee/ENADigital

#BiyyaGuddoo,UmmataGuddaa#Mul'ataGuddaa!

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015