Tamsaasa Kallatti:

Pooliaiin federaalaa Itiyoophiyaa yakka waliin dhahuu moobaayil baankiitiin namoota 658 irratti miidhaa birrii miiliyoona 200 ol ga’eef shakkamtoota 39 to’annaa jala oolchee qorachaa akka jiru beeksise

Onkoloolessa 7/2019(ENA) - Pooliaiin federaalaa Itiyoophiyaa qaamolee nageenyaa fi haqaa biroo waliin ta’uun oppireeshinii gaggeesseen yakka waliin dhahuu moobaayil baankiitiin namoota 658 irratti miidhaa birrii miiliyoona 200 ol ga’eef shakkamtoota 39 to’annaa jala oolchee qorannaa qulqulleessaa akka jiru beeksise.

Shakkamtoonni hojjetaa baankii fakkaatanii badhaafni akka isaan qaqqabe, siistama moobaayil baankiingiimakka waan ammayyeessanii ykn akkaawuntii baankii waraqaa eenyummaa faayidaan akka walitti hidhan dubbachuun jecha iccitii, OTPና PIN gaafachuudhaan waliin dhahaa akka turan qorannoodhaan adda baafameera.

Poolisiin konkolaattota sagal, doqdoqqee tokko, bilbila moobaayilii 114 fi siim kaardii 478 qabee to’achuunsaa ibseera.

Namoonni gocha waliin dhahuu Kanaan miidhaan irra gahe EFPApp, toora bilbila bilisaa 991 ykn buufata poolisii dhaquudhaan eeruu akka kennan dhaameera.

Kana malees namni kamiyyuu odeeffannoo baankii iccitii qama hin beekneef akka hin kenninee fi bilbila shakkisiisaa battalatti baankiif ykn poolisiitti akka beeksisu hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015