Tamsaasa Kallatti:

Pirojektoota namarratti xiyyeeffatan kan naannoo Harariitti gaggeeffamaa jiran qulqullinaa fi hatattamaan xumuruuntajaajilaaf akka oolan taasifamaa jira

Onkoloolessa 7/2019 (ENA) - Pirojektoota namarratti xiyyeeffatan kan naannoo Harariitti gaggeeffamaa jiran qulqullinaa fi hatattamaan xumuruuntajaajilaaf akka oolan taasifamaa jiraachuu pirezidaantiin naannichaa Ordiin Badrii ibsan.

Pirezidaanti Ordii miseensota kaabinee waliin ta’uun pirojektoota qarqara lagaa, wiirtuu dhaabbilee, daandii fi misooma kooriidaraa magaalaa Hararitti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Pirojektoonni kunneen qulqullinaa fi hatattamaan hojjetamaa akka jiran pirezidaantichi eeranii, hojiiwwan bu’ura misoomaa fi misooma kooriidaraa ummata fayyadamaa taasisan itti fufiinsaan akka  hojjetaman dubbataniiru.

Misoomni kooriidaraa qaqqabiinsa bu’ura misoomaa guddisuun alatti haala jireenya lammiilee fooyyessaa akka jiru eeranii, milkaa;inasaaf deeggarsi ummataa cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.

Magaalaa Hararitti misomni jijjiirama bu’uraa fidaa kan jiru yoo ta’u, fuulduras hojiileen misoomaa Kanaan wal qabatan akka hojjetaman mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015