Tamsaasa Kallatti:

Magaalaan Shaggar Magaalaa bu'aa Mootummaa ida’amuun yaada haaraan ijaaramuun dorgomaa ta'aa jirtudha – Doktar Tashoomaa Addunyaa

Onkoloolessa 7/2019 (ENA) – Shaggar Magaalaa ammayyaa bu'aa Mootummaa ida’amuun yaada haaraan ijaaramuun dorgomaa ta'aa jirtudha jedhan kantiibaan magaalattii  Doktar Tashoomaa Addunyaa.


Koreen Dinagdee Gooroo Oromiyaa Magaalaa Shaggaritti hojiiwwan kenna tajaajilaa Wiirtuu tajaajila tokkoo Masoob fi sochii hojii Pirojeektiiwwan misoomaa garagaraa daawwachaa jiru.


Haaluma kanaan koreen Dinagdee Gooroo Oromiyaa Magaalaa Shaggaritti hojiiwwan kenna tajaajilaa fi sochiiwwan hojii Pirojeektiiwwan misoomaa garagaraa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojjetaman daawwachaa jiru.


Sagantaa kana irrattis Hogganaan Biiroo Maallaqaa Oromiyaa doktar Abdullaaziiz Daawud, hogganaa Biiroo karooraa fi misoomaa Oromiyaa doktar A‎bdii Yuuyyaa, akkasumas itti Aanaa mana hojii odiitara muummichaa Oromiyaa Obbo Tolasaa Abboomaa argamaniiru.


Sadarkaa itti Aanaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kantiibaa Magaalaa Shaggar doktar Tashoomaa Addunyaa; Shaggar Magaalaa bu'aa Mootummaa ida’amuun yaadaa fi Pilaanii haaraa qindaa'aan hundoofte ta'uu ta’uu dubbataniiru.


Magaalaa Shaggar dorgomtuu fi giddugala dinagdee taasisuuf carraawwan dameelee hundaa irratti xiyyeeffachuun hojii hojjetameen bu'aawwan gama hawaas-dinagdeen argaman olaanaa ta'uu himaniiru.


Hojii waggoottan darbanitti hojjetameen gama Qonnaan Oomishaa fi Oomishtummaa sadarkaa olaanaatti kan guddate yoo ta'u, sochiiwwan babal'ina Investimentii tarkaanfachiisuun kan danda'ame ta'uu kaasaniiru.


Kana malees sirna bulchiinsa qabeenya lafaa ammayyeessuun al-seerummaa fi saamicha lafaa hambisuun kan danda'amee fi mirga ragaa abbaa qabiyyummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuun danda'amuu ibsaniiru.

.
Dorgomtummaa fi ammayyummaa Magaalichaa dhugoomsuufis hojiin misooma Kooridarii qabiyyeewwan guutuun kiilomeetira 135 hojjetamuu eeraniiru.


Waggoottan afran darbanitti fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojii hojjetameen Piroojeektiiwwan misoomaa garagaraa kuma 1 fi 363 tajaajilaaf qopheessuun kan danda'ame ta'uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015