Finfinnee bakka turizimii ispoortii taasisuuf hirmaannaan jiraattota magaalattii murteessaa ta’uun ibsame - ENA Afaan Oromoo
Finfinnee bakka turizimii ispoortii taasisuuf hirmaannaan jiraattota magaalattii murteessaa ta’uun ibsame
Omkoloolessa 7/2019(ENA)- Finfinnee bakka turizimii ispoortii taasisuuf hirmaannaan jiraattota magaalattii murteessaa ta’uu Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.
Ispoortiin fayyaaf, tokkummaaf, michoomaaf akkasumas guddina turizimii fi dinagdee magaalattiif gumaacha olaanaa akka qabus eeraniiru.
Finfinnee bakka turizimii ispoortii gochuu hirmaannaan jiraattota magaalattii hundaa murteessaa ta’uu kan eeran kantiibaa Adaanech, hojmaattonni dargaggoota, dubartoota, qama miidhamtootaa fi kutaalee hawaasaa hunda wal qixxummaan hirmaachisan cimuu akka qaban cimsanii kaasaniiru.
Bu’uraalee misoomaa Ispoortii qulqullina qaban babal’isuun, kunuunsuu fi itti gaafatamummaan itti fayyadamuun akka barbaachisu ibsanii, guddinni ispoortii itti gaafatama waloo ta’uusaa fiispoortiirratti hirmaachuun, dargaggoota deeggaruun akkasumas bu’uraalee misoomaa eeguudhaan Finfinnee fooyyee qabdu ijaaruun akka barbaachisu dhaamaniiru.