Tamsaasa Kallatti:

Hiriirri ummataa raayyaa ittisa biyyaa deeggaru naannoo Amaaraa magaalaa Dabra Taaboritti gaggeeffamaa jira

Onkoloolessa 7/2019 (ENA) - Naannoo Amaaraatti jiraattonni bulchiinsa Gondar Kibbaa fi magaalaa Dabra Taabo hiriira ummataa raayyaa ittisa biyyaa deeggaru gaggeessaa jiru.

Jiraattonni magaalichaa fi naannawichaa har’a ganamaan gara addababayiitti bahan ergaawwan raayyaan ittisaa keenya mallattoo biyyaalessaa keenya, baandaan garaasaaf, raayyaan ittisaa keenya kabajaa fi tokkummaa ummata keenyaaf, raayyaan ittisaa keenya asxaa fakkeenya sab-daneessummaa keenyaati jedhanii fi kanneen biroos dabarsaa jiru.

Akkasumas ergaawwan raayyaan ittisaa keenya, humnoonni nageenyaa federaalaa fi humnoonni naageenyaa naannoo keenyaa gatii kaffalaniif kabaja ni laanna, diinota Itiyoophiyaa barbadeessaa alaabaa keenya ol ni kaafna, nageenyi akka bu’u tarkaanfii mootummaan fudhatu ni deeggarra jedhanii fi kanneen biroo dhageessisaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015