Naannoo Amaaraa magaalaawwan garagaraa keessatti hiriirri ummataa raayyaa ittisa biyyaa deeggaru gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Amaaraa magaalaawwan garagaraa keessatti hiriirri ummataa raayyaa ittisa biyyaa deeggaru gaggeeffamaa jira
Onkoloolessa 7/2019 (ENA)- Naannoo Amaaraa magaalaawwan garagaraa keessatti hiriirri ummataa raayyaa ittisa biyyaa deeggaru gaggeeffamaa jira.
Hiriirri deeggarsaa kun Gondar, Gandaa Wuwhaa, Saqoxaa,Dabra Taaboor, Waldiyaa fi magaalaawwan biro keessatti gaggeeffamaa jira.
Hiriirri kan gaggeeffamaa jiru raayyaan ittisa biyyaa tokkummaa fi birmadummaa biyyaa cimsuuf aarsaa kaffalaa jiru deeggaruuf akka ta’e beekameera.
Jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, dargaggoonnii fi kutaalen hawaasaa biroon dhaadannoowwan garagaraa dhageessisaa hirmaacha jiru.