Dursaan liigichaa Maanchistar Siitiin Epswiich Taawun walii ni taphata - ENA Afaan Oromoo
Dursaan liigichaa Maanchistar Siitiin Epswiich Taawun walii ni taphata
Onkoloolessa 7/2019 (ENA)- Torban toorbaffaan piriimar Liigii Ingiliz har’a eegala.
Har’a taphoonni shan ni gaggeeffamu.
Waaree booda sa’aatii 11ti Maanchistar Siitiin Epswiicha Taawun waliin ni taphata.
Manchistar Siitiin taphoota jaha taphate hundaan mo’atee qabxiin 18’n liigicha dursaa jira.
Morkataansaa Epswiich Taawun qabxii 9’n sadarkaa 10ffaarra jira.
Sagantaa biraatiin Evertan Cheelsii waliin guyyaa keessaa sa’aatii 8tti Istaadiyeemii Hiil Diikiinsanitti ni taphata.
Evertan qabxii 10niin sadarkaa shanaffaarra jira.
Morkataansaa Cheelsiin qabxii wal fakkaataa 10niin gooliin caalamee sadarkaa jahaffaarra jira.
Guyyaa sa’aatii 10tti Bireentifoordii fi Liivarpuul Istaadiyeemii Jiiteek komuniitiitti ni taphatu.
Kilabiin Landan Bireentifoordi qabxii 10niin sadarkaa afraffaarra jira. Morkataansaa Livarpuul qabxii sagaliin sadarkaa saglaffaa qabateera.
Sagantaawwan birootiin Fulhaam Huul Siitii waliin waaree booda sa’aatii 11tti, Niwukaastil Yunaayitid Asronviilaa waliin galgala sa’aatii 1:30tti ni taphatu.