Bulchiinsi imaanaa nageenyaa fi misooma ummata naannichaa fulla’insaan eegsisuuf faayidaa guddaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsi imaanaa nageenyaa fi misooma ummata naannichaa fulla’insaan eegsisuuf faayidaa guddaa qaba
Onkoloolessa 6/2019 (ENA)-Bulchiinsi imaanaa mootummaa federaalaa naannoo Tigraayi nageenyaa fi misooma ummata naannichaa fulla’insaan eegsisuuf faayidaa guddaa qaba jedhan dura taa’aan paartii demokiraatawaa Tigraayi Dr. Aragaawii Barhee beeksisan.
Manni maree federeeshinii FDRI akkaataa heera mootummaa keewwata 62990 fi lakkoofsa labsii 359/1995 keewwata 14/2/B irratti kaa’ameen bulchiinsi yeroo naannoo Tigraayi akka hundeeffamu murtoo dabarsee fi akkaanaa aangoo mana maree ministirootaaf kennameen, mootummaan FDRI murtoo naannoo Tigraayi cimsu murteesseera.
Haala Kanaan bulchiinsi imaanaa mootummaa federaalaa naannoo Tigraayi kun baatiiwwan jahan dhufaniif Tigraayiin ni bulcha.
Bulchiinsi imaanaa kun hojii hojjetuun faayidaalee biyyaalessaa Itiyoophiyaa, tokkummaa bulchiinsa biyyaalessaa, faayidaalee bu’uraa ummata Tigraayi irratti hundaa’uu qaba.
Mootummaan ummataan filatame amma hundeeffamutti tajaajiloota naannichaa guyya guyyaa, dhiheessuun filannoo itti aanuuf haala mijeessuurra darbee dhimmoota tarsiimawaa yeroo dheeraa irratti akka hin hojjenne ibsameera.
Bulchiinsi imaanaa kun kallattii fi qajeelfama mootummaa federaalaarraa kennamu irratti hundaa’uun raawwata.
Kanaan wal qabatee dura taa’aan paartii demokiraatawaa Tigraayi Dr. Aragaawii Barhee ENA’f akka ibsanitti, mootummaan federaalaa qama naannoo Tigraayi baatii jahaaf bulchu hundeessuunsaa barbaachisaa fi tarkaanfii gaariidha.
Naannichatti jijjiiramni hunda galeessi akka galmaa’u xiyyeeffannoo mootummaan federaalaa kenneef dinqisiifatanii, bulchiinsi imaanaa kun nageenyaa fi misooma ummata naannoo Tigraayi fulla’insaan eegsisuuf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru.
Miseensonni bulchiinsichaasnageenyaa fi misooma ummata tigraayi fulla’insaan eegsisuuf karaa dandeessisuun cimanii hojjechuun itti gaafatama kennameef sirnaan akka bahangaafatanii, fayyadama misoomaa ummataa mirkaneessuuf to’annaan cimaan taasifamuu akka qabu ibsaniiru.
Itti gaafatamni ijoo bulchiinsa imaanaaf kennaman filannoof qophii taasisuu, nageenya mirkaneessuu, caasaalee mootummaa deebisuun diriirsuu, bu’uraalee misoomaa suphuu fi buqqaatota deebisuun dabalatee milkaa’inaan xumuruuf naamisii fi iftoominni cimaan jiraachuu qaba jechuun hubachiisaniiru.
Paartiinsaanii nageenyi, misoomnii fi sirni heera mootummaa naannoo Tigraayitti akka mirkanaa’u ummata cinaa dhaabachuun deeggarsa barbaachisu hunda gochuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.