Tamsaasa Kallatti:

Pirojeektoota Mootummaa Idaa'amuu: Abdi dhaloota egere

Mootummaan Ida'amuu jireenya hawaasaa jijjiiruuf hojiiwwan misoomaa ariifachiisoo, teeknooloojii ammayyaa fi tajaajila hawaasummaa walitti hidhuun, badhaadhina dhugoomsuuf kutannoon hojjechaa jira. Yaad-rimeen kun guddina dinagdee gabaa hawaasummaa hordofuun hiyyummaa balleessuu fi qabeenya haqa qabeessaan qooduu irratti xiyyeeffata.

Milkaa'inni Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa  ijaarame milkaa'ina seenaa qabeessa biyyattii fi guutummaa Afrikaa ta'uun isaa ni beekama. Pirojektii guddicha kanaan milkaa’inni argame  abdii  imala guddina dinagdee biyyaa  fi tokkummaan hawaasaa kan itti mirkanaa’edha.

Lammiileen Itoophiyaa hundi bittaa boondii, gumaacha maallaqaa, akkasumas humnaafi beekumsa isaaniitiin qooda guddaan gumaachaniiru.

 Pirojektiin kun liqii fi gargaarsa alaa malee, guutummaatti humna, beekumsaa fi qabeenya Itoophiyaanotaa fi diyaasporaatiin xumurame. kunis Itoophiyaan  hirmaanna tokkummaa uumatasheen  karoorsitee raawwachuu akka dandeessu  kan itti mul’istedha.


 

Naannoo Hidhichaatti Haroon Nigaat  uumamee    misooma jallisii, horsiisa qurxummii, geejjiba bishaan irraa ykn doonii  fi turizimiitiif carraa haaraa uumeera.

Hidhichi dhiyeessii humna elektirikii amansiisaa biyya keessaaf kennuu cinaatti, humna ibsaa biyyoota ollaaf dhiyeessuun Itoophiyaa giddugala Humna Elektirikii Afrikaa Bahaa taasiseera.  Hidhi haaromsaa mallattoo tokkummaa, obsa qabaachuu, jabinaa fi injifannoo ummata Itoophiyaa ta'uun mirkanaa'eera.

Hidha Abbayyaa marsaa xumuraaf guutamuu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi  Ahimad beeksisanii pirojektoota meeggaa  fayyadamummaa  Uummataa mirkaneessan ifoomsaniiru.

Itoophiyaan waggoota dhiyoo keessa pirojektoota  misoomaa gurguddoo hedduu hojjechuun  guddina dinagdee, hojii uumuu fi jireenya uummataa fooyyessuuf hojjechaa jirti. Pirojektootni kunneen guddina yeroo dheeraa biyyaaf bu'uura ta'uu isaanii irratti kan  xiyyeeffatanidha.kanneen keessaa mmuraasni :

Ijaarsa Warshaa Xaa'oo Godee

Waarshaan xaa’oo Godee  pirojektoota  gurguddoo fayyadamummaa  uummataa mirkneessan  keessaa  tokko yoo ta’u, ijaarsa Warshaa yeroo gabaabaa  keessatti xumuruuf xiyyeefatamee hojjetamaa jira. waarshaan kun yeroo xumuramu  rakkoo dhiyeessii xaa'oo biyyattiin qabdu waliigalaan furuuf hojjetamaa jira.


Damee qonnaaf galteewwan  ammayyaa dhiyeessuun nyaataan of danda'uu kan mirkaneessuudha.  Piroojektiin kun bajata guddaa  doolaara biiliyoona 2.5 oliinii  fi tumsa dhaabbilee gurguddoo akka Daangootee Giruuppii  waliin jalqabameera. pirojektiin kun yeroo xumuramu Omishaa fi Omishtummaa qonnaan bulaa mirkaneessuun  fayyadamummaa  uumataa dhugoomsa.


 

Ijaarsa Pirojektii Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu

 Pirojektii buufata Xiyyaaraa Bishooftuu boqonnaa milkaa’inaa Itiyoophiyaa  haaraa keessaa  tokkodha. Waggoottan darban fayyadama walii galaa lammiilee mirkaneessuudhaan akkasumas dhaabbilee cimaa gama ijaaruutiin hojiileen ijoon biyyattii ol kaasan raawwatamanii jiru.

Dhaabbilee milkaa’inni keessatti galmaa’an keessaa daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa isa tokkodha. Dhaabbatichi dameewan hundaan humnasaa guddifachaa jira. Kanaaf ammo ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu ragaadha.

Mootummaan Ida’amuu Pirojektoota Meeggaa fayyadamummaa  uummataa mirkaneessan  bocuun hojiitti galeera.Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad  ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu yeroo jalqabsiisan dooniiwwan samiirra balali’aniif akka buufataatti tajaajila, Kunis cabinsa sirna loojistiksii Itoophiyaa bara dheeraaf deebii kan ta’udha jechuunsaanii ni yaadatama.

Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu agarsiiftuu guddina Aviyeeshinii Afriikaa fi fakkeenya guddaa akka ta’u  ni abdatama. Pirojektiin kun Itiyoophiyaa Aviyeeshinii addunyaa adda duree ta’an keessaa tokko kan isa taasisuu fi dandeettii dorgommii Idil-Addunyaa  daandii qilleensaa Itiyoophiyaa baay’ee guddisa.


 

Seenaa Afriikaa keessatti pirojektii bu’ura misooma Aviyeeshinii isa guddaa waan ta’eef Itiyoophiyaan dandeettii damee geejjiba qilleensaatiin qabdu caalaatti beeksisa.

Faayidaa Hawaas dinagdeef qabu

Buufatni Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu faayidaawwan tarsiimawaa fi dinagdee gurguddoo dhiheessu  qaba

Misooma Magaala Haaraa: Dameewwan daldalaa, industirii fi turizimiitiin guddina naannawaichaaf gumaacha guddaa gochuun sochii dinagdee dabalataa ni uuma.

Invastimantii Alaa: Sababa guddinaa fi faayidaa tarsiimawaa isaatiin invastimantii kallattii alaa  gara Itiyoophiyaatti hawwata.

Carraa Hojii Uumuu: Yeroo ijaarsaasaas ta'e erga xumuramee tajaajila kennuu  egaleen booda lammiilee biyyattii kumaan lakkaa'amaniif carraa hojii kallattii fi al-kallattii ni uuma.

Dandeettii Pirojektoota Gurguddoo Mirkaneessuu: Aadaa hojii haaraa Itoophiyaan pirojektoota meeggaa qulqullinaanii fi yeroo qabameef keessatti xumuruuf qabdusadarkaa idil-addunyaatti irra deebi'ee kan mirkaneessudha.

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015