Dargaggoonni Godinichaa mootummaa Ida'amuu cinaa dhaabbachuun karoora nageenyaa fi misooma waaraa milkeessuuf gahee isaanii bahachuuf qophii ta'uu ibsan - ENA Afaan Oromoo
Dargaggoonni Godinichaa mootummaa Ida'amuu cinaa dhaabbachuun karoora nageenyaa fi misooma waaraa milkeessuuf gahee isaanii bahachuuf qophii ta'uu ibsan
Onkoloolessa 6/2019(ENA)- Dargaggoonni Godina Kibbaa Oromiyaa mootummaa Ida'amuu cinaa dhaabbachuun karoora nageenyaa fi misooma waaraa milkeessuuf gahee isaanii bahachuuf qophii ta'uu ibsaniiru.
Dargaggoonni magaalaa Adoolaa fi Nageellee Booranaa Hasan Umar, Rabbirraa Gammadaa fi Abduubaa Boruu yaada ENA’f kennaniin akka himanitti, godinichatti hojiiwwan misoomaa waggoota darban mootummaa Ida’amuun hojjetaman carraa hojii uumuu fi fayyadamummaa hawaasaa guddisaniiru.
Keessumaa Ashaaraa Magariisaa, Maaddii Guutuu, misooma jallisii bonaa fi babal'inni bu'uuraalee misoomaa dargaggootaf carraa hojii uumuun cinaatti ka’umsa hojii akka qabaatan gaheee olaanaa bahachuu himaniiru.
Dargaggoonni godinichaa waggoota darban waltajjiiwwan misoomaa fi ijaarsa nageenyaa garaagaraa irratti hirmaannaa cimaa taasisaa turuus eeraniiru.
Yeroo ammaas karoora mootummaan Ida'amuu sadarkaa biyyaa fi naannootti qabate milkeessuuf, akkasumas nageenyaa fi misooma naannoo isaanii mirkaneessuuf sochii isaanii cimsanii akka itti fufan ibsaniiru.
Duudhaalee waliin jireenyaa, nageenyaa fi misoomaa cimsuuf mootummaa Ida'amuu cinaa dhaabbachuun kan hojjetan ta’uus eeraniiru.
Ulaa galaanaa argachuun; birmadummaa fi faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu, akkasumas jireenya hawaasummaa lammiilee fooyyessuu keessatti murteessaa ta'uu eeruun, hojii mootummaa Itoophiyaan Ulaa galaanaa akka argattuuf hojjettu kan deeggaran ta’uu himaniiru.
Dargaggoonni kunneen karoora misoomaa waggoota shanii mootummaan Ida'amuu qabate milkeessuuf, nageenya naannoo isaanii eeguu, hojii uumuu fi misooma keessatti hirmaannaa isaanii cimsanii kan itti fufan ta'uu ibsaniiru.