Tamsaasa Kallatti:

Godin Kibba Lixa Oromiyaa Aanaa Daaboo Haannaatti oomishni garagaraa kilaastaraan misoomaa jiru  hoggansa godinichaan daawwatame

Onkoloolessa 6/2019 (ENA)- Godin Kibba Lixa Oromiyaa Aanaa Daaboo Haannaatti oomishni jirbii, aatoo boonsituu fi sanyii filatamaa boqqolloon misoomaa jiru hoggansa godinichaan daawwatameera.

Bulchaa ittaanaa fi itti gaafatamaan damee misoomaa godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo Indaalkaachoo Tafarii wayita kana akka jedhanitti, godinichi qabeenya dilbii misooma addaddaaf oolu qaba.

Bu’aa hojii hanga ammaatti hojjetameen argameen olitti gurmaa'insa haaraatiin misooma caalaa mirkaneessuuf ni hojjetama jedhaniiru.

Hojiiwwan misoomaa hojjetamaa jiruun oomishtummaa dabaluu fi damee qonnaatiinis carraa hojii bal'aa uumuun akka danda’ame eeraniiru.

Fuulduraafis oomishtummaa dachaan dabaluuf kan hojjetamu tahuu  dabalanii ibsaniiru.

Itti gaafatamaa ittaanaan waajjira qonna godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo Geetahun Guuttataa, oomishaalee warshaaf galtee ta'an, alergiif oolanii fi dinagdee qonnaan bulaa fooyyessan irratti xiyyeeffachuun inisheetiiviiwwan misoomaa hojiirra oolaa jiraachuu dubbataniiru.

Qonnaan bultootni Aanaa Daaboo Haannaas hojiiwwan misoomaa hojjetaniin callaa gaarii kan abdatan tahuu fi kanaanis galii isaanii guddifachuuf kan abdatan tahuu himaniiru.

Komunikeeshinii godina kibba lixa Oromiyaarraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015