Murtii Mana Maree Federeeshinii R.D.F.I. - ENA Afaan Oromoo
Murtii Mana Maree Federeeshinii R.D.F.I.
Murtii Mana Maree Federeeshinii R.D.F.I. Akkaataa Heera Mootummaa Keeyyata 62 (9) fi labsii Lakkoobsa 359/1995 Keeyyata 14/2/b/ irratti hundaa'uudhaan bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay akka hundaa’uuf murtee dabarsee fi Aangoo Mana Maree Ministeerotaaf kenneen, Mootummaan FDRI murtii Naannoo Tigraay raggaasisu dabrseera.
Akkumabeekamu, walitti bu'insa Naannoo Tigraayitti uumamee ture Waliigaltee Piriitooriyaa irratti hundaa'uudhaan furuuf yaaliin taasifamaa ture garee TPLF tiin gufachuun osoo hin milkaa’iin hafeera.
Gareen Hoggansa TPLF nagaa hin feene yeroo 4ffaaf waraana eegalee garichi injifatamuun xumurameera.
Ummanni Tigraay nagaa isa irraa fagaate akka gonfatu, mirga ofiin of bulchuu isaa akka mirkanaa'u, akkasumas bu'aawwan misoomaa waggoota hedduudhaaf hin argatiin ture dhandhamachuu akka danda'uuf maraammartoo waraanaa keessaa ba'uu qaba.
kanaafis Federeeshinii keessatti bakki isaaniif malu kennameefii nagaa isaanii eegsisuu, xiyyeeffannoo isaanii misoomarra taasisuu fi ummatoota Itoophiyaa biroo waliin tokkummaa sabdaneessaa keessatti cimanii jiraachuu qabu.
Haalota kana yeroo gabaabaa keessatti mijeessuudhaaf akka danda'amuuf Bulchiinsa Imaanaa Mootummaa Federaalaa Naannoo Tigraay Dambii Mana Maree Ministeerotaatiin hundaa'eera.
Itti Gaafatamummaa fi Hojii Bulchiinsa Imaanaa Federaalaa Naannoo Tigraay
Bulchiinsi Imaanaa Federaalaa Naannoo Tigraay Dambii Mana Maree Ministirootaa irratti hundaa’uun hundaa’eera.
Haaluma kanaan, Bulchiinsi Imaanaa Federaalaa Naannoo Tigraay ji’oota jahan dhufaniif naannicha akka bulchu kan muudaman yoo ta’u, itti gaafatamummaa fi hojiiwwan isaanii kanneen armaan gadiiti.
1. Naannoo Tigraay keessatti rakkoo nageenyaa fi tasgabbii uumame saffisaan furuun haala tasgabbaa’aa uumuu.
2. Caasaalee mootummaa diigaman deebisanii ijaaruun uummanni tajaajila mootummaa idilee akka argatu haala mijeessuu.
3. Bu’uuraalee misoomaa waraanaan miidhaman suphuun saffisaan gara hojiitti akka deebi’an taasisuu; akkasumas bu’aaleen misoomaa sadarkaa biyyaatti galmaa’an naannoo Tigraay keessattis akka babal’atan haala mijeessuu.
4. Hawaasa qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqa’e gara iddoowwan jireenyaa duraaniitti deebisuu.
5. Tajaajiloonni hawaasummaa naannichatti addaan citanii turan akka itti fufan taasisuu.
6. Haala siyaasaa tasgabbaa’aa uumuu fi yeroo ji’a jaha keessatti filannoon bilisaa fi iftoomina qabu akka gaggeeffamu taasisuun, Tigraay qaama idilee Federaalichaa akka taatu haala mijeessuu.
7. Dhaabbilee Ittisa Biyyaa, poolisii fi nageenyaa Federaalaa, akkasumas humnoota nageenyaa Tigraay waliin qindoominaan hojjechuun, caasaa bulchiinsaa sadarkaa naannoo irraa kaasee hanga gandaatti nageenyi fi tasgabbiin akka mirkanaa’u taasisuu.
Kana malees, namoonni hidhatan meeshaalee waraanaa isaanii akka hiikkatan, gara jireenya nagaa akka deebi’anii fi adeemsa haaromsa hawaasummaa keessa akka darbaniif haala mijeessuu; akkasumas caasaa nageenyaa naannichaa haala haaraan deebisanii ijaaruu irratti itti gaafatamummaa qabaachuu.
8. Nageenyi akka cimu, miirri fi ilaalchi uummataa akka sirreeffamu, akkasumas uummanni hojii misoomaa fi deebisanii ijaaruu keessatti hirmaachuuf qophii gahaa akka qabaatu taasisuu.
9. Hojiiwwan miidiyaa qindeessuu fi waltajjiiwwan marii uummataa sadarkaa garaagaraatti gaggeeffaman qopheessuu.
10. Filannoon itti aanu nagaa, bilisummaa fi hirmaachisummaa qabu akka ta’uuf hojiiwwan barbaachisoo ta’an raawwachuu.
Bulchiinsi Imaanaa hojiiwwan hunda raawwatu keessatti faayidaalee biyyaalessaa Itoophiyaa, tokkummaa daangaa biyyattii fi faayidaalee bu’uuraa uummata Tigraay bu’uura godhachuu qaba.
Mootummaan uummataan filatame hanga hundeeffamutti, Bulchiinsi Imaanaa tajaajiloota idilee naannichaa dhiyeessuu fi haala filannoo itti aanuuf mijataa ta’e uumuu bira darbee, dhimmoota dhiibbaa tarsiima’aa yeroo dheeraa qaban irratti sochii hin taasifatu.
Bulchiinsi kunis hojii isaa kallattii fi qajeelfama Mootummaa Federaalaa irraa kennamu irratti hundaa’uun raawwata.