Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa fi bu’aa bayii hin qabne bakka tokkotti akka argannu nu gargaareera-tajaajilamtoota - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa fi bu’aa bayii hin qabne bakka tokkotti akka argannu nu gargaareera-tajaajilamtoota
Onkoloolessa 6/2019 (ENA) - Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa fi bu’aa bayii hin qabne bakka tokkotti akka argannu nu gargaareera jedhan jiraattonni godina lixa Oromiyaa magaalaa Gimbii.
Jiraattota magaalichaa ENA’f yaada kennan keessaa obbo Koorsaan akka ibsanitti, Kanaan dura dhimmasaanii raawwachiifachuuf waajjiraalee mootummaa garagaraa deemuun yeroo fi maallaqa qisaasaa turaniiru.
Har’a garuu wiirtuun kun magaalaa Gimbiitti waan banameef dhimmasaanii yeroo gabaabaa keessatti xumurachuu waan danda’aniif gammaduusaanii ibsaniiru.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa bakka tokkotti akka argannu taasisuudhaan bu’aa bayii fi baasii hin malle Kanaan dura baasaa turre nurraa hambiseera kan jedhan ammoo jiraataa magaalaa Gimbii obbo Girmaa Biraasaati.
Wiirtuun kun hojiirra ooluunsaa namoonni tajaajila fooyya’aa wal qixxummaan akka argatan kan gargaaru waan ta’eef hojiin kun cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.
Eyyama daldalaa haaromsuuf gara wiirtuu kanaa kan dhufan obbo Waaqjiraa Taammiruu gamasaaniin, baasiin hin mallee fi deddeebiin Kanaan dura ture hafee tajaajila barbaadan argachuu akka danda’an dubbataniiru.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo kun guutuu fi hawaasaaf tajaajila kennuudhaan rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf shoora guddaa qaba jedhaniiru.
Hojii gaggeessaan olaanaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Gimbii obbo Waaqtolee Malkaa ENA’f akka ibsanitti, hawaasni bakka tokkotti tajaajila si’ataa akka argatu taasiseera.
Wiirtuun kun rakkoolee kenniinsa tajaajilaa furuudhaan tajaajilamtoonni bu’aa bayii malee tajaajila akka argatan taasiseera jedhaniiru.