Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan dorgommiiwwan kubbaa harkaa sadarkaa Ardiitti gaggeeffamu ni keessummeessiti

Onkoloolessa 6/2019 (ENA)- Itiyoophiyaan dorgommiiwwan kubbaa harkaa dubartoota guddattoota Afriikaa 34 fi dubartoota shamarran Afriikaa 23ffaa akka keessummeessitu filatamte.

Itiyoophiyaan dorgommii kana akka keessummeessitu kan murteesse mana maree konfedereeshinii kubbaa harkaa Afriikaati.

Manni marichaa wal gahii idilee Angoolaa Luwaandaatti gaggeesseen guddina ispoortii kubbaa harkaa Itiyoophiyaa keessatti mul’achaa jiruu fi dandeettiin dorgommii keessummeessuuf qabdu filatamuusheef sababa ta’uu ibseera.

Federeeshiniin kubbaa harkaa Itiyoophiyaa fi pirezidaantiin baha Afriikaa zoonii 5ii akkasumas miseensi mana maree konfedereeshinii kubbaa harkaa Afriikaa Dr. Fitiih Waldasanbat wal gahii kanarratti hirmaataniiru.

Itiyoophiyaan dorgommii kana qopheessuuf qophii ta’uushee pirezidaantichi dubbataniiru.

Dorgommii kubbaa harkaa shamarran guddattootaa Afriikaa irratti biyyoonni 34 ni hirmaatu jedhameetu eegama.

Dorgommii dargaggootaarratti irratti biyyoonni 15 ol akka hirmaatan odeeffannoon federeeshiniin kubbaa harkaa Itiyoophiyaa ni mul’isa.

Dorgommiiwwan sadarkaa Afriikaa kun A.L.A bara 2027tti gaggeeffamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015