Gamtaan Awurooppaa deeggarsa misooma itti fufinsa qabu Itoophiyaaf taasisu cimsee akka itti fufu mirkaneesse - ENA Afaan Oromoo
Gamtaan Awurooppaa deeggarsa misooma itti fufinsa qabu Itoophiyaaf taasisu cimsee akka itti fufu mirkaneesse
Onkololeessa 6/2019 (ENA):-Gamtaan Awurooppaa deeggarsa misooma itti fufinsa qabu Itoophiyaaf taasisu cimsee akka itti fufu mirkaneesseera.
Jilli Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Doktar Iyyoob Takkalinyiin durfamu, walga’ii waggaa Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa cinaatti, Komishinara Gamtaa Awurooppaa Dhimmoota Tumsa Idil-addunyaa, Yooseef Siikeelaa waliin mariyateera.
Yeroo kanatti, dhimmoota ajandaa misoomaa waloo guddina dinagdee Itoophiyaatiif dursa kennaman, akkasumas tumsa fuulduraa irratti mariyataniiru.
Komishinarri Gamtaa Awurooppaa Dhimmoota Tumsa Idil-addunyaa Yooseef Siikeelaa, marii isaaniin Itoophiyaan michuu Gamtaa Awurooppaa ta’uu ibsaniiru.
Itoophiyaan nagaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa, keessumaa naannoo Galaana Diimaa keessatti gumaacha olaanaa taasistu, akkasumas Gaanfa Afrikaa keessatti gahee ijoo tarsiimawaa qabdu dinqisiifataniiru.
Dabalataanis, Gamtaan Awurooppaa galmawwan misooma itti fufiinsa qabu Itoophiyaan galmaan ga’uuf tattaaffii taasistu deeggaruu cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.