Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaan Galaana Diimaatti bahuufi itti fayyadamuuf mirga guutuu qabdi — Xiinxalaa Siyaasaa Gibtsii Maagdii Kaaliil

Onkololeessa 6/2019 (ENA):-Itoophiyaan Galaana Diimaatti bahuu fi itti fayyadamuuf mirga guutuu akka qabdu xiinxalaan siyaasaa lammii Gibtsii Maagdii Kaaliil ibsan.

Xiinxalaan siyaasaa kun ENA waliin turtii taasisaniin, hoggantoonni Gibtsii tattaaffii Itoophiyaan Galaana Diimaatti deebitu mormuu fi gufachiisuuf imaammata isaan hordofaa jiraan cimsanii qeeqaniiru.

Gibtsii hoggantoota fagoo yaadan, hubannoo siyaasaa fi ogummaa qaban utuu qabaattee, Itoophiyaan Galaana Diimaa akka itti fayyadamtu gufachiisuu fi mormuu mannaa deeggarsa ni taasisti turte jechuun ibsaniiru.

Itoophiyaan bal’ina lafaa fi baay’ina ummataatiin biyyoota gurguddoo keessaa tokko ta’uu fi biyya galaana hin qabne ta’uu ishee kaasuun, Galaana Diimaatti dhiyaachuu fi itti fayyadamuuf mirga guutuu akka qabdu dubbataniiru.

Itoophiyaan seenaa keessatti hulaa galaanaa qabattullee biyyoota ollaa isheetiif madda sodaa yookaan miidhaa taatee akka hin beekne yaadachiisaniiru.

Biyyoonni naannoo Galaana Diimaatti argaman fedhii waliinii isaanii irratti mariyachuun waliigaltee naannawaa uumuuf marii akka gaggeessan xiinxalaan kun waamicha dhiyeessaniiru.

Dorgommii fayyaa hin qabne hambisuun, tumsa irratti hundaa’anii hojjechuun barbaachisaa ta’uu kan ibsan xiinxalaan kun, waliigalteewwan nagaa Itoophiyaan fedhii hulaa galaanaa qabaachuu ishee qabatamaan akka milkeessituuf karaa kan banan ta’uu ibsaniiru.

Biyyoonni tokko tokko waliigaltee Itoophiyaaf hulaa galaanaa argamsiisu mallatteessuuf qophii ta’uu isaanii kan kaasan Maagdii Kaaliiliin, waliigalteewwan yeroo dheeraa taasifaman gaanfa Afrikaa fi naannoo Galaana Diimaa keessatti nagaa waaraa fi tumsa cimsuuf gumaacha olaanaa akka qaban dubbataniiru.

Imaammata Kaayiroon dhimma Eertiraa irratti hordoftu kan qeeqan xiinxalaan kun, Gibtsii fi biyyoonni Arabaa biroon A.L.A, bara 1960tti Kaayirootti hundeeffameefii ture Dhaabbata Bilisummaa Eertiraa deeggaruu isaanii yaadachiisaniiru.

A.L.A, Bara 1991tti Eertiraan bilisummaa argachuu fi Itoophiyaan balbala galaanaa dhabuu ishee hordofee, murtoo kanaaf bu’uura kan ta’an imaammattoota naannawaa irra deebi’anii qorachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Xiinxalaan kun, Gibtsii Dhaabbata Bilisummaa Eertiraa deeggaruun hariiroo obbolummaa fi tumsa biyyoota lamaan gidduu jiraachuu qabu kan miidhe, dogoggora seenaa ta’uu isaa hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015