Tamsaasa Kallatti:

Kayyoon gurmaa'insa haaraa tajaajila si'ataa, amanamaa fi dhaqqabamaa taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuudha'' Obbo Agenyew Fiqiruu

Onkoloolessa 6/2019 (ENA) Kayyoon gurmaa'insa haaraa tajaajila si'ataa, amanamaa fi dhaqqabamaa taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu ta’uu Itti gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Shaggar Obbo Agenyew Fiqiruu ibsan.

Itti gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Shaggar Obbo Agenyew Fiqiruu Mootummaan jijjiiramaa komii, gaaffii fi yaada ummanni rakkoo tajaajilaa irratti qabu hundeerraa furuuf gurmaa'insaa fi qajeelfama haaraa gadi buusuu ibsaniiru.

kaayyoon gurmaa’insa kanaa tajaajila si'ataa, amanamaa fi dhaqaabamaa hawaasni akka argatu taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuudha jedhaniiru.


Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Mootummaa Manneen Hojii Naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe lakk 34/2019 irratti bakka hooggantootnii, Manajimantii sektarootaafi dhimmamtootni argamaniitti mariin gaggeeffame.

Mootummaan jijjiiramaa tajaajila si'ataa, dhaqaabamaafi amanamaa hawaasni haala mijataa ta'een akka argatu akkasumas amantaa ummanni mootummaa irratti qabu guddisuuf gurmaa'insaafi qajeelfama ramaddii hojjetoota mootummaan manneen hojii mootummaa Naannoo Oromiyaa haaraa gadi buusee jira.


 

Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti qajeelfamaafi gurmaa'insaa haaraa kana karaa iftoomina qabu, loogii irraa bilisa ta'eefi bu'uura qajeelfamaan akka raawwatuuf mariin hooggantoota, manajimantii manneen hojii fi dhimmamtoota waliin gaggeeffameera.

Itti gaafatamaan Waajjira Paabliik Sarviisiifi misooma Qabeenya namaa magaalichaa Dr .Cammaraa Shibbiruu kaayyoon gurmaa'insa haaraa fi qajeelfama ramaddii haaraa hojjetoota mootummaa loogii fi ogii malee gahumsaa fi dandeettiin hojjettootaa fi hojii walsimsiisuun tajaajila si'ataa, amanaafi bu'aqabeessa hawaasni akka argatu taasisuun itti quufinsa maamilaa guddisuu akka ta'e himaniiru.

Mariichi Koreewwan Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Mootummaa Manneen Hojii Naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe lakk 34/2019 raawwachiisan filachuun xumurameera jechuun Tajaajilli Koomunikeeshinii Magaalichaa gabaaseera.

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015