Tamsaasa Kallatti:

Daawwannaan Midhaan Kilaasteraan omishamee gaggeeffame

Onkoloolessa 6/2019 (ENA) Godina Giddugaleessa Oromiyaa Aanaa Ejersa Lafootti guyyaa ayyaana qonnaan bulaa sababeeffachuun daawwannaan Kilaastera Qamadii fi Xaafii gaggeeffameera.

Daawwanicharratti Itti Aanaa Qonnaa fi itti gaafatamaa damee Qonnaa Godina gidugaleessa Oromiyaa obbo Tarrafaa Araarsaa fi hoggantoonni biroon argamaniiru.

Godinichatti Oomishaa fi Oomishitummaa dachaan dabaluun karoora of danda'uu hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Waajjira Qonnaa Godina giddugaleessa Oromiyaatti Itti Aanaa Qonnaa fi itti gaafatamaa damee Qonnaa Godina gidugaleessa Oromiyaa obbo Tarrafaa Araarsaa dinagdee qonnaan bulaa guddisuuf oomishaaf omishitummaa qonnaan bulaa dabaluun murteessaa ta'uu kaasanii; imala nyaataan of danda'uu hojiirra oolchuuf bonaaf ganna hojjechuun murteessaa ta'uudubbataniiru.

Bulchaa Aanichaa Obbo Kabbadaa Leellisaa akka dubbatanitti,Aanichaatti Oomisha Kilaastera qonnaa keessatti hojiin hojjetamaa jiru fakkeenya gaarii fi muuxannoo qonnaan bultoota biroof qooduuf qofa osoo hintaane qonnan bulaan gootaraan isaa guutee dinagdeen akka of danda'uu fi galii biyyaa guddisuu Keessatti gahee Olaanaa qabaachuusaa ibsaniiru.

Itti Aanaa Bulchaa,Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaafi Lafaa Aanichaa Obbo Balaay Tasfaayee gama Isaaniin Ayyaanni Qonnaan Bultootaa kun milkaa’ina, badhaadhinaa fi oomishtummaa guddaa fiduu akka danda'uu himuun,Ogeeyyiin qonnaa qonnaan bultoota keenya deeggaruun, misooma qonnaa fi Imala badhaadhina dhugoomsuu ciminaan hojjenna jedhaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015