Tamsaasa Kallatti:

Harkifannaa ijaarsa pirojektoota daandii irratti mul’atan furuun, yeroonii fi qulqullinaan xumuramanii tajaajila hawaasaaf akka oolaniif ni hojjetama – Doktar Rashaad Kamaal

Onkoloolessa 5/2019 (ENA) Harkifannaa ijaarsa pirojektoota daandiirratti mul'atan furuun yeroof qulqullinaan xumuramanii tajaajila hawaasaaf akka oolaniif akka hojjetamu Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa Doktar Rashaad Kamaal ibsan.

Doktar Rashaad Kamaal babal'inaaf ijaarsawwan misoomawwan bu'uuraa uummataaf hojjetamanirratti dhaabbileen misoomaa, hoggantootni sadarkaan jiraniif hawaasni naannichaa qindoominaan hojjechuu qabu jedhaniiru.


 

Mareen rakkoo harkifannaa pirojektoota daandiiwwan gurguddaa godina Kibba lixa Oromiyaa keessatti hojjetamaa jiran biratti mul'atan furuu irratti xiyyeeffate gaggeeffameera.

Maricharratti hoggantootni Abbaa Taayitaa Daandiiwwan federaalaa Damee Jimmaa, waajjira tajaajila ibsaa fi hoggantootni aanaalee godinichaa ijaarsi daandiiwwan gurguddoon keessa qaxxaamuran argamaniiru.

Harkifannaa Ijaarsa daandiiwwan gurguddoo kunneeniif sararootni ibsaa daandiirraa yeroon kaafamuu hafuu fi gaaffileen beenyaan walqabatan ijaarsi daandii yeroon akka hin xumuramneef sababa tahuun ibsameera. Kanaafis hoggansi sadarkaan jiruu fi waajjirri humna ibsaa wal hubannaan rakkoolee mudatan waloomaan akka furaniif ibsaniiru.


Abbaan Taayitaa daandiiwwanii harkifannaawwan hojii ijaarsa pirojektoota keessatti mul'atu ariitiin furuun komee hawaasni tajaajila daandiirratti qabu akka deebisu hubachiisaniiru.

Pirojektootni kunneen qulqullinaaf yeroon xumuramuu qabu kan jedhan Doktar Rashaad; dhaabbileen misoomaaf hoggansi sadarkaan jirus rakkoo ijaarsa pirojektii keessatti mul'atu waloomaan hiikuun galma barbaadane milkeessuu qabus jedhaniiru. Madda Koominikeeshinii Godinichaarraa.

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa!

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015