Tamsaasa Kallatti:

Qulqullina Bunaa fooyyessuun Buna gabaa giddu galeessaaf dhihaatu dabaluuf hojjetamaa jira

Onkoloolessa 5/2019 (ENA)-Qulqullina Bunaa fooyyessuun Buna gabaa giddu galeessaaf dhihaatu dabaluuf hojjetamaa jiraachuu waajjirri qonnaa godina Lixaa Oromiyaa beeksise.

Bara oomishaa 2019 Buna kuntaala miiliyoona 1 fi kuma 130 fi 410 oomishuuf karoorfamee kana milkeessuuf hojjetamaa akka jiru itti aanaan itti gaafatama waajjira qonnaa godinichaa Dr. Darajjee Biraanuu ibsaniiru.

Godinichatti hojiin oomisha Bunaa hedduun akka jiru kan dubbatan Dr. Darajjeen, rakkoolee qulqullinaa

Buna walitti qabamu keessaa toonii kuma 42 fi 955 tuqaa 6 dhiheessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Amma ammaatti aanaalee afur irraa Bunnni toonii 119.34 gabaa jiddu galeessaaf dhihaachuun himameera.

Qulqullina Bunaa mirkaneessuu fi akkaataa karoorfameen gabaaf dhiheessuuf oomisha Bunaa guddisuun gamatti galii oomishtoota guddisuu fi gabaa Bunaa biyyattii cimsuuf murteessaadha jedhaniiru.

Godinicha aanaa guutoo Giddaatti Buna kan oomishan keessaa qonnaan bulaan Mitikkuu Balaayi qulqullina Bunaa fooyyesuuf muuxannoo haala oomishaa fooyya’aa fi akkaataa kunuunsa oomishaan boodaa hojiirra oolchuun barbaachisaa waan ta’eef deeggarsa ogeeyyota qonnaarraa argateen hojjechaa akka jiru ibseera.

Buna Yeroon walitti qabuu fi qulqullinaa gogsuun gatii Bunaa dabaluuf akka gargaaru waan hubataniif qulqullinaan oomishanii gatii fooyya’aa argachuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Qonnaan bulaa Yaasiin Warquu gamasaaniin, qulqullina Bunaa eeganii karaa gurmaa’een gabaaf dhiheessuun galii oomishtootaa guddisuun akka danda’amu ibsaniiru.

Lafa heektaara tokko caalu irraa oomisha fooyya’aa argachuuf karoorsanii hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015