Gaaffiin hulaa galaanaa itti jirru galma akka gahu qooda keenya ni baana-Jiraattota magaalaa Adaamaa - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiin hulaa galaanaa itti jirru galma akka gahu qooda keenya ni baana-Jiraattota magaalaa Adaamaa
Onkololessa 05/2019 (ENA)-Itiyoophiyaan hulaa galaanaa shiraan irraa fudhatame deedisiisuuf hojii mootummaa ida’amuun eegalame guutummaatti akka deeggaranii fi galmaan gahuun qoodasaanii akka bahan jiraattonni magaalaa Adaamaa ibsan.
Itiyoophiyaan seenaashee keessatti barootaaf abbaa hula galaanaa galaana diimaa ta’uun daldala idil addunyaa, humna galaanaa fi dhageettii ji’oo siyaasaa fayyadamaa kan turte biyya galaanaa ishee duriiti.
Haa ta’u malee diinonnishee yoomiyyuu shira xaxaniin Itiyoophiyaan biyya ummata mil. 120 qabdu biyya addunyaa hula galaanaa hin qabne taateetti.
Jiraattonni magaalaa Adaamaa dhimma kanarratti ENA’f yaada kennan akka jedhanitti, Itiyoophiyaan
mirga hula galaanaa dogoggoraan dhabde kabachiisuuf carraaqqii dippilomaasii fi tarsiimawaa mootummaan itti jiru guutummaatti ni deeggaru.
Mul’ata biyyaalessaa kana galmaan gahuuf hojii hojjetamu keessatti qoodasaanii bahuuf qophii ta’uu isaanii jiraattonni ibsaniiru.
Isaan keessaa obbo Dirribaa Caalaa akka ibsanitti, galaanni diimaa qabeenya Itiyoophiyaan uumamaan qabdudha.
Kaayyoon keenya ijoon hula galaanaa shiraan dhanbne deebifachuu malee karaa bahumsaa barbaachuu miti kan jedhan obbo Dirribaan, haqni jiru qaqqabiinsi galaana diimaa abbaaf/Itiyoophiyaaf akka deebi’u gochuudha jechuun ibsaniiru.
Abbummaa hula galaanaa mirkaneessuuf dippilomaasiin dursuu qabaatus, gaaffii keenya deebifachuuf amma aarsaa lubbuutti kaffaluuf qophiidha jechuun dubbataniiru.
Hawaasni addunyaa haqa Itiyoophiyaa akka hubatu carraaqqii dippilomaasii fi garagaraa mootummaan ida’amuu itti jiru cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.
Obbo Xilahuun Raagoo yaada kennaniin, miseensa raayyaa ittisaa biyyaalessaa duraanii ta’uun Asabii fi Mitsiwwaa jiraachuun daangaa biyyaa eegsisaa akka turan dubbatu.
Mootummaan ida’amuu gaaffii hula galaanaa ilaalchisee hojii dippilomaasii bu’a qabeessa hojjechaa jiraachuu kan dubbatan obbo Xilahuun, gaaffiin kun akka milkaa’u mootummaa cinaa dhaabannee deeggarsaa fi aarsaa barbaachisu nikaffalla jedhaniiru.
Gaaffiin abbummaa hula galaanaa mootummaa ida’amuutiin gaafatame ija akka banannuu fi abdiin keenya akka lalisu nu taasiseera kan jedhan ammoo jiraataa magaalaa Adaamaa obbo Mallasaa Ayyaalooti.
Kiraan buufataa fi qaraxni kaffalamu irraa kan ka’e ummata Itiyoophiyaa hiyyummaaf saaxiluusaa gaabbiidhaan dubbatu.
Itiyoophiyaan hula galaanaa shira diinota keessaa fi alaatiin dhabde deebiftee harkatti akka galfattu sochii fi tarkaanfii mootummaa ida’amuutiin eegalamee akka milkaa’u waan nurraa eegamu hunda raawwachuuf qophiidha jechuun mirkaneessaniiru.