Tamsaasa Kallatti:

Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa murtoowwan adda addaa qoratee raggaasise

Onkoloolessa 5/2019 (ENA): Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa murtoowwan adda addaa qorachuun sagalee guutuudhaan raggaasiseera.

Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa 7ffaan bara hojii 1ffaa walga'ii idilee 3ffaa isaa gaggeesseera.

Manni marichaa walga'ii idilee isaanii har'aatiin miseensota Koree gorsa dhimmoota Mana Maree moggaasuuf yaada murtoo dhihaate qoratee raggaasiseera.

Akkasumas yaada murtoo sirna hojii fi caasaa, hojii fi itti gaafatama koomittee dhaabbii miseensota mana marichaa murteessuuf dhihaate qoratee raggaasiseera.

Dabalataanis gaggeessitoota kaadhimamtoota Koreen dhaabbattoo fi ramaddii miseensotaa ilaalchisuun dhihaate raggaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015