Mootummaan ida’amuu waadaa ummataaf gale raawwachuun fayyadama ummataa mirkaneessaa jira-Pirezidaant Ordiin Badrii - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan ida’amuu waadaa ummataaf gale raawwachuun fayyadama ummataa mirkaneessaa jira-Pirezidaant Ordiin Badrii
Onkoloolessa 5/2019 (ENA)- Mootummaan ida’amuu waadaa ummataaf gale raawwachuun fayyadama ummataa mirkaneessaa jiraachuu Pirezidaantiin naannoo Hararii Ordiin Badrii.ibsan
Naannoo Harariitti gamaaggamni raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana jalqabaa bara bajataa 2019 gaggeeffamaa jira.
Pirezidaantiin naannichaa obbo Ordiin Badrii waltajjii gamaaggamaarratti akka ibsanitti, waggoottan darban naannichatti gama hundaanuu hojiilee jajjabeessoo raawwachuun danda’ameera.
Haala Kanaan fayyadamni ummataa cimuurra darbee dandeettii naannichi misoomuuf qabu guddaa dabaluusaa dubbataniiru.
Xiyyeeffannoon waltajjii kanaa raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana jalqabaa gamaaggamuun hojiiwwan itti aananiif od qopheessuu akka ta’e dabalanii dubbataniiru.
Cimina kurmaana jalqabaa bara bajatichaa turan bal’isuun, hanqinoota jiran guutuun bu’aalee argaman gabbisuuf galteen kan itti walitti qabamuu fi kallattii fuulduraa kan kaa’amu ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan ida’amuu gama hundaanuu guddina dinagdee galmeessisuu fi biyya ceesisuu akkasumas fayyadama misoomaa ummataa guddisuudha kan jedhan pirezidaantichi, hoggansi waadaa ummataaf gale raawwachuun itti gaafatamasaa bahu qaba jedhaniiru.
Af-yaa’iin mana maree naannichaa obbo Sulxaan Abdusalaam, paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira damee naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa dabalatee hoggantoonni olaanoo fi jiddu galeessaa moorummaa fi paartii naannichaa waltajjicharratti hirmaachaa jiru.