Yunivarsiitiin Haroo Mayaa hojii baruu fi barsiisuun cinaatti tajaajila hawaasummaatiinis hawaasa fayyadamoo taasisaa jiraachuu ibse - ENA Afaan Oromoo
Yunivarsiitiin Haroo Mayaa hojii baruu fi barsiisuun cinaatti tajaajila hawaasummaatiinis hawaasa fayyadamoo taasisaa jiraachuu ibse
Biyya guddoo, ummata guddaa, mul’ata guddaa
Onkoloolessa 5/2019 (ENA)- Yunivarsiitiin Haroo Mayaa hojii baruu fi barsiisuu, hojiiwwan qorannoo fi tajaajila hawaasaatiin hojjetu cimsee akka itti fufu pirezidaantiin Yunivarsiitichaa beeksisan.
Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Jamaal Yusiif akka jedhanitti, Yunivarsiitichi bara barnootaa 2019 gara ofiin of bulchuutti cehuuf bara imala itti eegaludha.
Kanaan wal qabatee qajeelfamoota barbaachisan qooda fudhattootaa fi ogeeyyota biyya keessaa fi biyya alaatti argaman waliin sakatta’amee fi ceepha’amee qophaa’uusaanii dabalanii ibsaniiru.
Keessumaa Yunivarsiitichi qorannoo fi tajaajiloota hawaasaatiin hawaasaa fi qonnaan bulaa gargaaraa akka jiru doktar Jamaal ibsaniiru.
Yunivarsiitichi hojiiwwan qorannoo fi tajaajila hawaasaatiin hawaasa naannawichaa karaa fayyaduun hojii hojjetaman cimsee akka itti fufu himaniiru.
Keessumaa bu’aalee qorannoo rakkoo furanii fi sanyii midhaanii fi beelladaa dhugoomsuuf xiyyeeffatee akka hojjetu beeksisaniru.
Yunivarsiitichi tumsaa fi walitti hidhaminsa dhaabbilee biyya keessaa fi idil addunyaa waliin eegumsa naannoo, fayyaa hawaasaa fi dameelee biroorratti waliin hojjetu cimsuu fi hojiiwwan qorannoo guddisuuf akka hojjetamu eeraniiru.
Yunivarsiitichi hojiiwwan tajaajila hawaasaa qonna, barnoota, fayyaa fi kanneen birootiin hojjetu akka guddisu doktar Jamaal dubbataniiru.
Keessumaa tajaajila seeraa bilisaan kennamuun wal qabatee tajaajila hawaasummaa hojjetu cimsee akka itti fufu eeranii, ga’umsa barsiisotaa guddisuurrattis hojii xiyyeeffannoo kennuun hojjetu cimsee akka itti fufu ibsaniiru.
Yunivarsiitichi bara barnootaa kana barattoota haaraa kuma 5 ta’an har’aa eegalee akka simatu eeranii, barattootaaf wanti barbaachisu qophii taasifamuu Dr. Jamaal dubbataniiru.