Gareen Madaaltota teeknikaa Kofedereeshiniin kubbaa Miilaa Afriikaa Finfinnee galan - ENA Afaan Oromoo
Gareen Madaaltota teeknikaa Kofedereeshiniin kubbaa Miilaa Afriikaa Finfinnee galan
Onkoloolessa 5/2019 (ENA) Gareen Madaaltota teeknikaa Kofedereeshiniin kubbaa Miilaa Afriikaa (CAF) dandeettii qophii Itoophiyaan Waancaa Afrikaa kan bara 2028 qopheessuuf qabdu madaaluuf Finfinnee seeneera.
Ministirri Dargaggoo fi Ispoortii Dr. Akliiluu Taaddasaa ETV akka ibsanitti, gareen kun turtii isaatiin fooyya'insa caasaa ispoortii, sadarkaa istaadiyeemotaa, dame hoteelaa fi keessummeessummaa, akkasumas qophii geejjibaa fi loojistiikii sirriitti madaala.
Madaallii Finfinneetti taasisuun alattis, hojiiwwanii fi sochiiwwan misoomaa biyyattii keessatti raawwataman deddeemanii ni daawwatu.
Gareen kun odeeffannoo barbaachisu walitti qabee erga xumuree booda, gabaasa walii galaa dhiyeessu irratti hundaa'uun murtoo dhumaa biyya qopheessituu koree hojii Hojii Raawwachiisaa CAF'f kan dhiyeessu ta'a.
Itoophiyaan walakkaa jaarraa booda dorgommii Ardii irra deebiin gara biyya isaatti deebisuuf gaaffii dhiyeessuun kan yaadatamudha.