Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan Ida’amuu bu’aa qabsoo ummata Oromootiin kan argameedha; tikfamuu qaba – Abbaa Duulaa Gammadaa

Onkololeessa 5/2019 (ENA):-Wareegama guddaa ummanni Oromoo bilisummaa, mirga ofiin of bulchuu, afaan, seenaa fi aadaa isaa guddisuuf kaffaleen jijjiiramni argame tikfamee fi cimee itti fufuu akka qabu Abbaa Duulaa Gammadaa ibsan.

Abbaa Duulaa Gammadaa turtii ENA waliin taasisaniin, ummanni Oromoo waggoota dheeraaf mirga isaa kabachiisuuf qabsoo hadhaa’aa gaggeessaa turuu fi lubbuu ilmaan isaa hedduu wareeguu yaadachiisaniiru.

Keessumaa, waggoota dhihoo darban keessatti dargaggoonni Qeerroo fi Qarreen jijjiiramni biyya keessatti akka dhufuuf wareegama guddaa kaffaluu isaanii ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, kaayyoon guddaan qabsoo ummata Oromoo mirga ofiin of bulchuu, afaan isaatiin dubbachuu, akkasumas seenaa fi aadaa isaa guddisuu fi dagaagsuu danda’u mirkaneessuu ture.

Kana malees, Itoophiyaa keessatti gaheen fi qoodni ummanni Oromoo qabu akka kabajamu taasisuun kaayyoo qabsoo kanaa keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Kaayyoon kunis hojii irra oolaa jiraachuu fi jijjiiramni argame qabatamaan mul’achaa dhufuu eeraniiru.

Kanaafuu, namoonni ammas hidhatanii bosona keessa socho’an maal argachuuf akka qabsa’aa jiran of gaafachuu qabu jedhaniiru.

Gaaffii fi hanqinoonni furmaata barbaadan jiraachuu akka danda’an kan ibsan Abbaa Duulaa Gammadaa, mootummaan qaamolee gaaffii qaban waliin mari’achuun rakkoolee jiran furuuf qophii ta’uu yeroo garaagaraatti ibsaa turuu yaadachiisaniiru.

Wareegama guddaa kaffalameen jijjiiramni argame akka hin badneef, namoonni jijjiirama kana deeggaruu, guddina biyyattii fi badhaadhina uummataaf waliin hojjechuu, akkasumas hanqinoota jiran mariidhaan furuuf gahee isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru.

Keessumaa, ergaa alaa fudhachuun hidhatanii qonnaan bultoota rakkisuun gaaffii fi kaayyoo ummata Oromoo bakka bu’uu akka hin dandeenye ibsaniiru.

Gocha akkanaa gaaffii Oromoo dhugaa wajjin walqabsiisuun sirrii akka hin taanees dubbataniiru.

Namoonni hedduun mootummaa waliin hojjechuuf murteessanii, mootummaa keessatti hirmaachuun ummata isaanii tajaajilaa jiraachuu eeruun, namoonni hidhatanii bosona keessa jiranis gara nagaa dhufanii, gaaffii yoo qabaatan mariidhaan akka furatan waamicha dhiyeessaniiru.

Dhuma irratti, namoonni hidhatanii bosona keessa jiran marii fi nagaa filachuu dhabuun isaanii wareegama ummanni Oromoo, keessumaa dargaggoonni Qeerroo fi Qarreen kaffalan gatii dhabsiisuu akka ta’e hubachuu qabu jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015