Itoophiyaa fi Hulaa Galaanaa: Seenaa, Dantaa Biyyaalessaa fi kallattii gara fuulduraa - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaa fi Hulaa Galaanaa: Seenaa, Dantaa Biyyaalessaa fi kallattii gara fuulduraa
Galaanni Diimaan daandiiwwan daldala idil-addunyaa keessaa isa murteessaa ta’ee, dantaa dinagdee, nageenyaa fi ji’oopoolitikaa biyyoota hedduu walitti hidha. Itoophiyaaf immoo dhimma hulaa galaanaa argachuu fi itti fayyadamuu mirkaneessuun gaaffii dinagdee qofa osoo hin taane, dantaa biyyaalessaa, guddina dinagdee fi egeree biyyattii waliin kan walqabatudha.
Itoophiyaan Galaana Diimaa waliin seenaa dheeraa walitti hidhaminsaa qabdi. Yeroo Itoophiyaan qarqara galaanaa qabdu keessatti, daldala, geejjibaa fi hariiroo biyyoota biroo waliin qabduuf buufatawwan doonii murteessaa ta’anitti fayyadamaa turte. Akkasumas, Galaana Diimaa fi naannawa isaa keessatti daldala, nageenyaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabdi turte.
Haa ta’u malee, waggoota soddoma dura Ertiraan walabummaa ishee erga argattee booda, Itoophiyaan qarqara galaanaa ishee dhabdee biyya hulaa galaanaa kallattiin hin qabne taate. Haalli kun caasaa daldala alaa biyyattii irratti dhiibbaa geessisuun, geejjibaa fi loojistikii keessatti buufata doonii biyyoota ollaa irratti akka hirkattu taasiseera.
Erga qarqara galaanaa dhabdee booda, Itoophiyaan daldala alaa ishee raawwachuuf buufata doonii biyyoota ollaa, keessumaa Jibuutii, irratti hirkachuu jalqabde. Hirkattummaan kun baasii geejjibaa, saffisa sochii daldalaa fi dorgommii gabaa irratti dhiibbaa geessisuu danda’a. Kanaafuu, filannoowwan buufata doonii bal’isuu, tajaajila loojistikii fooyyessuu fi hulaa galaanaa itti fayyadamuuf dandeettii cimsuun dhimma dinagdee biyyaalessaa keessatti iddoo olaanaa qaba.
Ministirri Muummee Itoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimad, yeroo garaagaraatti Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa duratti dhimma hulaa galaanaa irratti yaada isaanii dhiyeessaniiru. Ibsa isaanii keessatti, dhimma kana seenaa, seera, teessuma lafaa, dinagdee fi dantaa biyyaalessaa Itoophiyaa waliin walqabsiisuun ibsaniiru.
Akka ibsa isaanii keessatti kaasanitti, Itoophiyaan qarqara galaanaa dhabuu ishee irratti murtiin uummataa fi qaamolee mootummaa barbaachisoo hammate hin taasifamne. Ta’us, dhimma kanaaf furmaanni barbaadamu karaa marii, dippilomaasii fi nagaa irratti hundaa’uu akka qabu cimsanii ibsaniiru.
Ministirri Muummee,Hulaan galaanaa guddina dinagdee, baay’ina uummataa fi gahee Itoophiyaan naannicha keessatti qabdu ilaalchisee, hula galaanaa argachuu fi itti fayyadamuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Akka ibsa isaanii keessatti hubatamutti, fedhiin Itoophiyaa kun walitti bu’insa uumuuf osoo hin taane, dantaa dinagdee ishee guddisuu, dorgommii gabaa cimsuu fi faayidaa uummataa mirkaneessuuf kan ka’eedha.
Kanaafuu, kaayyoon Itoophiyaa dantaa biyyaalessaa ishee fi dantaa biyyoota ollaa wal simsiisuun furmaata waaraa argachuudha. Kanaafis, marii dippilomaasii, waliigaltee faayidaa waloo irratti hundaa’e fi kabaja seera idil-addunyaa bu’uura godhachuun murteessaa dha.
Galaanni Diimaan karaa daldala idil-addunyaa, geejjiba anniisaa fi sochii dooniiwwan daldalaa keessatti gahee tarsiimawaa qaba. Keessumaa, karaa Baab-el-Mandeb jedhamuun Galaana Diimaa fi Galoo Galaanaa Eden wal qunnamsiisu, daldala addunyaa keessatti iddoo murteessaa qaba.
Haalli teessuma lafaa kun Galaana Diimaa naannawa dorgommii dantaa biyyoota naannichaa fi humnoota idil-addunyaa taasiseera. Kanaafuu, dhimma hulaa galaanaa Itoophiyaa biyyattin fageenya kiloo meetira 50 gadi keessatti kan arggamtuu taatus hulaa galaanaa malee hafuun ishii shirri hamaan biyyatti irratti raawwachuu isaa agarsiisa.
Itoophiyaan biyya baay’ina uummataa guddaa qabdu, akkasumas dinagdee ishee babal’isuuf carraaqqii gootu waan taateef, karaa geejjibaa amansiisaa fi filannoowwan buufata doonii hedduu qabaachuun dorgommii dinagdee ishee cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba. Haa ta’u malee, fedhii kana galmaan ga’uun tasgabbii naannichaa eeguu, wal amantaa biyyoota ollaa cimsuu fi waliigaltee seera qabeessa ta’e irratti hundaa’uu qaba.
Itoophiyaan hulaa galaanaa itti fayyadamuuf filannoowwan garaagaraa dhiyeessuu dandeessi. Itoophiyaan karaa kennani fudhachuun karaa seeraa idil-addunyaa malee hulaa galaanaa itti cufamee abbummaan mirkaaneeffachuu qabdi.
Tarkaanfiiwwan akkanaa baasii geejjibaa hir’isuu, daldala alaa saffisiisuu, filannoowwan geejjibaa babal’isuu fi dinagdee biyyattii caalaatti dorgomaa taasisuu keessatti gumaacha qabaachuu danda’u. Kana milkeessuuf garuu marii itti fufiinsa qabu, waliigaltee iftoomina qabu, faayidaa waloo kabajuu fi seera idil-addunyaa hordofuun hojjacha jirti.
Walumaagalatti, dhimma hulaa galaanaa Itoophiyaa seenaa, dinagdee, nageenya, teessuma lafaa fi dantaa ji’oopoolitikaa walitti hidhuun barbaachisaadha. Itoophiyaaf hulaa galaanaa argachuu fi itti fayyadamuun dhimma dantaa biyyaalessaa fi guddina dinagdee waliin walqabatu yoo ta’u, furmaanni waaraan karaa nagaa, marii fi waliigaltee faayidaa waloo irratti hundaa’e tasgabbii Gaanfa Afrikaa cimsuu fi hariiroo biyyoota ollaa fooyyessuu keessatti bu’uura murteessaa ta’a.