Tamsaasa Kallatti:

Qabeenyi Uumamaafi Aadaan Kibba Oromiyaa guddina naannichaafi biyyaaf gahee olaanaa qaba — Obbo Ahimad Haajii

 

Onkololeessa 5/2019 (ENA):- Qabeenyi uumamaafi aadaan Kibba Oromiyaa keessatti argamu qabeenya guddaa naannichaa fi biyya keenyaa ta’uu Sadarkaa Ittaanaa Pirezidaantiitti  Bulchaan Godina Kibba Oromiyaa Obbo Ahimad Haajii ibsan.

Rakkoolee nageenyaa bakka tokko tokkotti mul’atan furuun guddina akka biyyaatti eegalame itti fufsiisuuf hojjetamaa jiraas jedhan.


 

Hooggansi Godina Kibba Oromiyaa gurmaa’insa mootummaa haaraa milkeessuu irratti Abbootii Gadaa fi bakka bu’oota kutaalee hawaasaa godinichaa waliin Magaalaa Bulee Horaatti mari’ateera.

Hirmaattonni marichaa rakkooleen nageenyaa mul’atan yoo furaman, caasaan bulchiinsaa haaraan hojiirra oole guddina biyyaatiif bu’aa guddaa akka fidu abdii qabaachuu ibsaniiru.

Kibbi Oromiyaa gama hundaan jijjiiramee akka mul’atuuf hojjechuun kaayyoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uu kan ibsan Bulchaan Itti Aanaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Nageenyaa Kibba Oromiyaa, Obbo Liiban Areeroo, hooggansi haaraan caasaa mootummaa kanaan ramadames galma kana milkeessuuf cimee akka hojjetu dubbataniiru.

#BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MulataGuddaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015