Raayyaa Ittisaa gaachana Biyyaa - ENA Afaan Oromoo
Raayyaa Ittisaa gaachana Biyyaa
Raayyaan Ittisa biyyaa Itoophiyaa seenaasaa baroota dheeraa keessatti qormaatilee fi bu’aa bahii hedduu, akkasuamas wareegama qaalii kaffaluun har’aan ga’eera.Raayyaan ittisa biyyaa dhaabbata qormaatilee hedduu injifannoon keessa qaxxaa muree hara’a ga’edha.
Raayyaan qormaatilee ammayyaa, dhiibbaawwan alaa fi keessaa jiran obsaan dandamachuudhaan wabii biyyaa fi ummataa ta'ee kan dhaabbate utubaa bilisummaati.
Raayaan ittisa biyyaa dirree waraanaatti gootummaa fi dandeettii loltummaa gita hin qabne agarsiisuu isaatiin qofa osoo hin taane; naamusawwan waraanaa ol'aanaa ittiin beekamuun, aantummaa uummataa kan qabuu fi ofirra biyyaaf aarsaa kaffaluun uumata biratti baay’ee kan jaallatamuu fi kabajamudha.
Qajeeltoon kun icciitii cichoominasaa yoo ta'u, tokkoon tokkoo miseensa raayyaa Ittisa biyyaa fedhii isaa, nageenya fi lubbuu isaa birmadummaa biyyaa fi ummataatiif dabarsees kennuuf kan isa qopheessu duudhaa jiraataadha.
Har'as naamusaa fi duudhaasaa biyyaalessaa jabaa kana bu’uura godhachuun birmadummaa biyyaa kabachiisuuf fi diinota nageenya biyyaa booressuuf socho'an faccisuudhaan injifannoo irrati injifannoo dabaluun seenaa Itoophiyaa cimsuun itti gaafatamummaa isaa dandeettii ol'aanaadhaan bahachaa jira.
Raayyaan Ittisa biyyaa bakka kamittuu iddoo itti seeraa kabachiisee fi nagaa mirkaneesse maratti hojiin isaa dirqama waraanaan qofa kan daangeffame miti. Isaan olitti uummata tasgabbeesuu, xiinsammuusaa haaressuu, bu’uuraalee misoomaa barbaada’an deebisanii ijaaruu adda durummaan ni raawwata.
Amalli hojii fi kutannoon raayyaa ittisa biyyaa yeroo nagaa fi boqonnaa isaaniittis qophii olaanaa taasisuu leenjii jabaa, beekumsaa fi teeknooloojiidhaan dandeettii isaanii gabbisuun waamicha biyyaalessaa fi dirqama fuulduraatiif qophiitti jiraachuu isaanii mirkaneessa.
Raayyaan Ittisa biyyaa qormaatilee baay'ee keessa darbe, jaalala fi deeggarsa ummataatiin kan cime wabii biyyaa fi gaachana hin cabne, gaachanaa fi dahoo jabaadha.
Injifannoo wareegamaan argame
Itoophiyaan seenaa ishee keessatti biyya bilisummaa fi birmadummaa isheetiif wareegama kaffaluun eenyummaa ishee kabachiifattedha.
Birmadummaa fi kabajni biyya seena-qabeettii kanaa osoo hin sarbamiin hanga har'aatti turuu kan danda'e ammoo goota Raayyaa Ittisa Biyyaa baroota keessatti dhiigaa fi lafee isaatiin biyya dhaaban waan qabduufi.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa bu'uura jiraachuu biyyaa, wabii nageenya uummataa fi humna cimaa agarsiistuu jaalala biyyaati.
Hundeen seenaa raayyaa ittisa biyyaa imala birmadummaa biyyaa waliin kan walqabatedha. Injifannoo Adwaa irraa eegalee hanga ijaarsa ittisa biyyaa ammayyaatti, raayyaan kun ergama daangaa biyyaa eeguu dandeettii fi gahumsa olaanaadhaan ba’achaa tureera.
Weerartoonni alaa birmadummaa biyyaa sarbuuf yeroo yaalanitti, raayyaan kun bifa adda addaatiin gurmaa’ee fi hiriiree wareegama kaffaluun biyya kabachiiseera.
Imaanaan seenaa kun har'as itti fufee, tooftaa waraanaa ammayyaa, teeknoolojii fi hoj-maata saayinsaawaa qindeessuudhaan ergama daangaa samii fi daangaa lafa biyya ciminaan eeguu ba'achaa jira.
Raayyaan ittisa biyyaa diina daangaa biyya isaa sarbe mogolee diinaa cabsee deebisuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuudhaan hojii ol aanaa hojjetaa jira.Kanaanis mootummaanis ta’e uummataan Raayyaa ittisa biyyaa amanamaa ta’ee seenaa isaan yaadatamaa asiin ga’eera.
Uummanni Raayyaa wareegama cimaan birmadummaa biyyaa kabachiise cinaa dhaabbatee deeggarsa barbaachisaa taasisaa jira.
Ergama Nagaa Kabachiisuu
Seenaan gootummaa Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa barreesse biyya keessatti qofa kan daangeffame miti. Nageenya biyya keessaa kabachiisuu fi sirna heera mootummaa eegsiisuuf qabsoo taasise cinaatti, ergama nageenya eegsisuu Idil-Addunyaa keessattis maqaa gaarii fi surraa qaba.
Raayyaan kun daangaa eeguu bira darbee, ergamawwan nagaa kabachiisa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaa keessatti gahumsa saayinsawaa fi amanamummaa hawaasaatiin maqaa gaarii biyyaa ol kaaseera.
Kana malees balaa uumamaa ittisuu fi misooma biyyaa keessatti gahee qabuun hariiroo uummata waliin qabu caalmaatti cimseera.
Itiyoophiyaan naannawaa Afrikaa Bahaatti olaantummaa tarsiimo'aa fi wabii nageenyaa ta'uushee ifatti labsuun diinaaf yaaddoo lammiileef immoo abdii, biyyaafis gaachana birmadummaa ta'eera.
Riifoormii Raayyaa Ittisa biyyaa gahumsa Raayyaa guddise
Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa gaachana birmadummaa biyyaa ta’uusaan seenaadhaan beekamu qabatamaan sadarkaa isa gitu akka argatuuf riifoormiin gaggeeffameera.
Dhaabbileen barnootaa fi leenjii ittisaa saayinsii waraanaa, hoggansa tarsiimowaa fi teeknooloojiin kan badhaadhan waan ta’aniif, raayyichi balaawwan biyya keessaa fi naannoo dursee xiinxaluu fi ittisuu danda’eera. Bu’uuruma Kanaan riifoormii gaggeeffameen bu’aawwan aragamaniiru:
Ajaja Paartii jalaa ba'uu: Raayyaan ittisaa meeshaa dhimma paartii siyaasa tokkoo raawwachiisu ta'uun hafee, raayyaa biyyaalessaa fi uummataa ta'ee akka gurmaa'u taasifameera.
Ilaalcha tokko qabaachuu: Raayyaan ittisa biyyaa Sabummaa, amantaa fi faayidaa garee kamirraayyuu bilisa ta'uun, ilaalcha biyyaalessaa fi birmadummaa kabachiisu irratti akka xiyyeeffatu taasifameera. Tokkummaa biyyaalessaa fi birmadummaa biyyaa kabachiisuu irratti ejjennoo waltawaa tokko qabaachuu danda’ameera.
Hidhannoo Ammayyaa fi Saayinsii Waraanaa: Raayyaan kun meeshaalee waraanaa ammayyaa, teeknooloojii fi saayinsii waraanaa addunyaa irra gahuun akka ijaaramu taasifamee jira
Ergama isaa gahumsaan bahachuu danda’uu : Lafoo fi samii jalatti hojii hojjetuun teessuma lafaa kamirraattiyyuu rakkoo tokko malee ergama isaa baahachuun gahumsaa cimaa gonfateera.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa seenaa gootummaa fi jaalala biyyaa bu’uura godhachuun, saayinsii waraanaa ammayyaa fi teeknooloojii ol’aanaa haammateen riifoormii fi dandeettii ijaarrachuu raawwateera.
Wabii Nageenya Naannoo: Daangaa biyyaa eeguun cinaatti, nageenyaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaarratti qooda olaanaa taphachuu danda'uun gahumsa agarsiiseera.
Diinni keessaa fi alaan qindoomuun imala badhaadhina Itoophiyaan eegalte gufachiisuun waraana labsuu hanga jeequmsa babal'isuutti yeroo gahan raayyaan ittisa biyyaa aarsaa lubbuu fi wareegama, akkasumas halkanii guyyaa roobaa, qorraa fi gammoojjii osoo hin jedhiin cichoominaan birmadummaa biyyaa kabachiisuu danda'eera.
Rifoormiin dhaabbilee nageenyaa kun gama hundaan tokkummaan lammilee Itiyoophiyaa akka cimuufis gumaacha guddaa taphateera.
Duudhaalee Raayyaa ittisa biyyaa
1.Naamusa fi Ummatummaa: Dirree waraanaatti gootummaa agarsiisuu qofa osoo hin taane, ummata gargaaruu, bu'uuraalee misoomaa deebisanii ijaaruu fi deeggarsa xiinsammuu deebisuu irratti dhiyeenyaan hojjetu.
2.Qophiitti Jiraachuu: Yeroo nagaattis leenjii jabaa, teeknoolojii fi beekumsa waraanaa ammayyeessuun waamicha biyyaalessaa kamiiyyuu simachuuf qophaa'oo ta'anii jiraatu
3.Biyyaaf dursa kennuu : Fedhii fi jireenya dhuunfaan olitti birmadummaa biyyaa, nagaa fi tas-gabbii biyyaatiif dursa kennanii tajaajiluun duudhaa isaanii isa guddaadha.
#BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MulataGuddaa
Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links