Itoophiyaa:Biyya birmadummaa ishee tiksuun mallattoo injifannoo fi badhaadhinaa ta’a jirtu - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaa:Biyya birmadummaa ishee tiksuun mallattoo injifannoo fi badhaadhinaa ta’a jirtu
Itoophiyaan biyya seenaa dheeraa, aadaa boonsaa, duudhaa gootummaa fi birmadummaa ishee eeguu keessatti qabsoo cimaa taasisuun dhalootaa dhalootatti darbaa dhufteedha. Biyya seenaa ishee keessatti qormaatilee hedduu keessa darbitee, weerartoota ofirraa qolachuun bilisummaa ishee tikfachuu dandeesse ta’uun, biyyoota Afrikaa fi Addunyaa biroof fakkeenya taateetti.Seenaa Itoophiyaa keessatti injifannoowwan galmaa’an gootummaa uummataa, jaalala biyyaa, tokkummaa fi kutannoo birmadummaa biyyaa eegsisuuf taasifame calaqqisiisu.
Seenaa biyyattii keessatti yeroo adda addaatti qormaatileen siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa mudatan hedduun turan. Haata’u malee, qormaatileen kunneen biyyattii abdii kutachiisuu hin dandeenye. Kanaa mannaa, uummanni Itoophiyaa rakkoolee isa mudatan qolachuuf, birmadummaa isaa tikfachuuf, akkasumas eenyummaa fi kabaja biyya isaa eegsisuuf tokkummaa fi kutannoodhaan dhaabbachaa tureera. Kunis Itoophiyaan biyya qormaatilee keessatti jabaattee, injifannoo irraa barattee gara fuulduraatti tarkaanfachuu dandeessu ta’uu ishee mirkaneessa.
Injifannoon Adawaa seenaa gootummaa fi birmadummaa Itoophiyaa keessatti bakka olaanaa qaba. Injifannoon kun qofa seenaa waraanaa osoo hin taane, mallattoo bilisummaa, ofitti amanamummaa fi dandeettii uummanni Itoophiyaa tokkummaa isaatiin humnoota isa weeraruuf dhufan qolachuu danda’u ta’uu isaati. Injifannoon Adawaa uummattoota Afrikaa fi saboota kolonii jala turaniifis abdii fi kaka’umsa ta’uun, bilisummaa fi kabaja ofii argachuuf qabsoon godhamu bu’aa qabaachuu akka danda’u agarsiiseera.
Gootummaan abbootii keenyaa Itoophiyaa har’as seenaa keessatti yaadatamee kan hafuu qofa miti.Duudhaaleen abbootarraa dhaalle, kanneen akka jaalala biyyaa, tokkummaa, obsa, kutannoo fi birmadummaa biyyaa tiksuu, dhaloota har’aatiif bu’uura cimaa ta’anii jiru. Biyya ijaaruu fi cimsuun dirqama dhaloota tokko qofaan xumuramu osoo hin taane, dhaloota irraa dhalootatti darbuudha. Dhaloonni har’aa seenaa gootummaa abbootii isaa irraa barachuun, nageenya, tasgabbii, misooma fi badhaadhina waaraa mirkaneessuuf gahee isaa bahachuuf hojiilee eegalamee cimsee itti fufsiisa jira.
Itoophiyaan biyya saboota, sablammootaa fi uummattoota garaagaraa, afaanota, aadaa fi duudhaa hedduu qabduudha. Garaagarummaan kun yoo sirnaan kabajamee, walqixxummaan yoo mirkanaa’ee fi dantaa waliinii irratti waliigalteen yoo cime, humna biyya guddisu ta’a. Tokkummaan Itoophiyaa jechuun garaagarummaa dhabamsiisuu osoo hin taane, garaagarummaa jiru kabajaa fi walitti dhufeenya cimsaa dantaa biyyaalessaa irratti waliin hojjechuudha. Tokkummaan akkasii birmadummaa biyyaa eeguuf, nageenya waaraa ijaaruuf, akkasumas misooma itti fufiinsa qabu milkeessuuf murteessaa dha.
Har’a Itoophiyaan seenaa ishee boonsaa irraa humna argachuun gara guddina dinagdee, jijjiirama hawaasummaa fi ijaarsa biyya ammayyaatti ce’aa jirti. Hojiileen misoomaa dameewwan qonnaa, industirii, bu’uuraalee misoomaa, tuurizimii, teeknooloojii fi humna namaa irratti hojjetamaa jiran carraa dinagdee bal’isuuf, oomishtummaa guddisuuf, akkasumas jireenya uummataa fooyyessuuf bu’uura ta’u. Milkaa’inni dameewwan kanaa garuu qabeenya uumamaa qofa irratti kan hundaa’u osoo hin taane, humna namaa, hojii cimaa, itti gaafatamummaa fi hirmaannaa uummataa irratti hundaa’a.
Misoomni jaalala biyyaa irraa maddu biyya ofii cimsuu fi qabeenya ishee sirnaan itti fayyadamuun mul’ata. Lammiin biyya isaa jaallatu qabeenya biyyaa kunuunsa, hojii isaa amanamummaadhaan hojjeta, seera kabaja, nageenya eeguu keessatti hirmaata, akkasumas rakkoolee hawaasaa furuuf qooda fudhata. Kanaafuu, jaalalli biyyaa jecha qofaan osoo hin taane, hojii guyyaa guyyaa, itti gaafatamummaa fudhachuu fi bu’aa uummataaf buusuun mirkanaa’a.
Guddina dinagdee ariifachiisuuf qabeenya biyyattii jiran gara oomisha, hojii uumuu fi galii uummataa dabaluutti jijjiiruun barbaachisaa dha. Qonnaan bultoonni oomishtummaa isaanii guddisuun, dargaggoonni kalaqaa fi teeknooloojiitti fayyadamuun, abbootiin qabeenyaa invastimantii babal’isuun, akkasumas dhaabbileen mootummaa tajaajila qulqullina qabu kennuun guddina biyyaaf gumaacha olaanaa taasisuu danda’u. Hojiiwwan akkanaa keessatti tokkummaan, amanamummaan fi kaayyoo waliinii qabaachuun bu’aa argamu saffisiisa.
Gama kanaan, Itoophiyaan seenaa birmadummaa ishee irraa barachuun, injifannoowwan darban bu’uura godhachuun, gara fuulduraatti tarkaanfachuu qabdi. Seenaa boonsaa qabachuun qofti gahaa miti; seenaa sana irraa barachuun rakkoolee yeroo ammaa furuun, carraawwan jiranitti fayyadamuun, dhaloota dhufuuf biyya caalaatti nageenya qabdu, badhaate fi dandeettii guutuu qabdu dhaalchisuun barbaachisaadha. Kunis mootummaa, uummata, dhaabbilee hawaasaa, damee dhuunfaa fi dhaloota dargaggootaa hunda irraa hojii waloo gaafata.
Keessumaa dargaggoonni har’aa itti gaafatamummaa guddaa qabu. Isaan humna hojii, kalaqa, beekumsaa fi jijjiirama biyyattii saffisiisuu danda’anidha. Gootummaa abbootirraa dhaalan gara kalaqa, barnoota, qorannoo, oomisha, hojii uumuu fi tajaajila uummataatti jijjiiruun, biyya utubuu fi cimsuu keessatti qooda olaanaa bahachuu qabu. Dargaggoonni seenaa biyya isaanii beekanii, duudhaa gaarii irraa baratanii, beekumsaa fi ogummaa isaanii guddisuun, rakkoolee biyya isaanii furuuf yoo hojjetan, Itoophiyaan gara badhaadhina waaraatti saffisaan ce’uu dandeessi.
Dargaggootaaf hojii uumuu, carraa barnootaa babal’isuu, dandeettii isaanii guddisuu fi hirmaannaa isaanii mirkaneessuunis murteessaa dha. Dargaggoonni abdii kutachuu irraa fagaachuun, nageenya fi tokkummaa isaanii kabajanii, yaada haaraa maddisiisuu fi hojii bu’aa qabu irratti bobba’uun guddina biyyaaf gumaacha olaanaa taasisuu danda’u. Gootummaan yeroo ammaa dirree waraanaa qofa irratti kan mul’atu miti; saayinsii fi teeknooloojii keessatti kalaqa uumuu, oomisha biyya keessaa guddisuu, hojii uumuu, malaammaltummaa mormuu fi tajaajila uummataaf amanamummaadhaan hojjechuunis gootummaa yeroo ammaa ti.
Walumaagalatti, Itoophiyaan seenaa birmadummaa ishee eeguu, weerartoota qolachuu fi injifannoo galmeessuu keessatti fakkeenya taateetti. Seenaa kana keessatti humni ishee guddaan tokkummaa uummataa, jaalala biyyaa, kutannoo fi aadaa walta’iinsaa ture. Har’as gatiiwwan kana cimsuun, garaagarummaa kabajuun, misooma itti fufiinsa qabu irratti waliin hojjechuun barbaachisaadha. Injifannoowwan kaleessaa yaadachuun qofti osoo hin taane, isaan irraa humna argachuun hojii har’aa milkeessuun dirqama dhaloota ammaa ti.
Itoophiyaan biyya guddoo, uummata guddaa fi mul’ata guddaa qabdu ta’uun ishee seenaa darbe qofa irratti kan hundaa’u miti; humna uummata ishee, qabeenya ishee fi fedhii misoomaa gara fuulduraatti qabdu irrattis hundaa’a. Kanaaf, mootummaa fi uummanni, keessumaa dhaloonni dargaggootaa, tokkummaa fi jaalala biyyaa bu’uura godhachuun biyya cimsuu, misooma ariifachiisuu fi badhaadhina waliinii dhugoomsuuf waliin hojjechuu qabu. Kun karaa seenaa boonsaa Itoophiyaa itti fufsiisanii dhaloota dhufuuf biyya cimtuu, badhaate fi kabajamtuu taate dhaalchisanidha.
#BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MulataGuddaa
Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links