Magaalaa Shaggaritti wiirtuun bakka tokkoo Masoob tajaajila ariifataa fi si’ataa kennuudhaan itti quufinsa tajaajilamtootaa dabalaa jira - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Shaggaritti wiirtuun bakka tokkoo Masoob tajaajila ariifataa fi si’ataa kennuudhaan itti quufinsa tajaajilamtootaa dabalaa jira
Onkoloolessa 04/2019 (ENA)- Magaalaa Shaggaritti wiirtuun bakka tokkoo Masoob tajaajila ariifataa fi si’ataa kennuudhaan itti quufinsa hawaasaa dabalaa akka jiru tajaajilli bakka tokkoo bulchiinsa magaalichaa ibse.
Biyya guddoo, ummata guddaa, mul’ata guddaa
Tajaajilli bakka tokkoo Masoob tajaajiloota dhaabbilee garagaraatti kennaman bakka tokkotti walitti qabuun namoonni yeroo fi humnasaanii qusatanii bu’aa bayii malee tajaajila si’ataa akka argatan gochuuf hojiirra kan ooledha.
Naannoo Oromiyaa Bulchiinsa magaalaa Shaggarittis gaaffilee bulchiinsa gaarii hawaasaa deebisuu fi tajaajila caalaatti hawaasa biraan gahuuf tajaajila bakka tokkoo Masoob kutaalee magaalaa garagaraatti babal’isuurratti argama.
Hojii gaggeessaan tajaajila bakka tokkoo Masoob magaalichaa obbo Kaasahuun Joobir turtii ENA waliin taasisaniin, bara bajataa 2019 wiirtuu muummee dabalatee dameewwan afur banuun walumaa gala wiirtuuwwan shan keessatti tajaajila si’ataa teeknooloojiin deeggarame kennaa jira.
Hojii wiirtuuwwan kanneen keessatti hojjetamaniin, kurmaana jalqabaatti namoota tajaajila argachuuf dhufan kuma 165 fi 91 keessaa ulaagaa barbaadamu kan guutan kumni 161 ol tajaajilamuusaanii beeksisaniiru.
Tajaajila Kanaan fedhii hawaasaa dhibbantaa 99 tuqaa 9 qaqqabsiiuu eeraniiru.
Hawasni bu’aa bayii malee yeroosaatti gargaaramee misoomarratti akka xiyyeeffatu taasiseera jedhaniiru.
Tajaajilamaan tokko jiddu galeessaan daqiiqaa 24 keessatti tajaajila argachuu akka danda’e obbo Kaasahuun kaasanii, hojmaanni kun rakkoolee bulchiinsa gaarii furuusaa fi hojiiwwan misoomaa si’achiisuudhaan fayyadama hawaasaa fi dinagdee ummataa mirkaneessuuf qooda guddaa akka qabaatu ibsaniiru.
Akkasumas dhaabbilee tajaajila kennan kan faffaca’anii turan gara wiirtuu tokkootti fiduun yeroo gabaabaatti tajaajila ifaa fi guutuu kennuudhaan, amantaa fi hirmaannaa hawaasni mootummaarraa qabu qabatamaan guddisuusaa eeraniiru.
Kunis wiirtuun kun galii mootummaa guddisuu, invastimantiin akka babal’atu gochuu akkasumas galmoota misoomaa karoorfaman si’achiisuurratti qooda olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.
Magaalaa Shaggaritti qaqqabinsaa tajaajilichaa babal’isuuf wiirtuleen kutaa magaalaa hundatti akka hundeeffaman obbo Kaasahuun kaasanii, bara bajataa kanas wiirtuuwwan dabalataa afur ijaaramanii tajaajilaaf akka oolan dubbataniiru.