IMF guddinaa fi ce’umsa dinagdee hunda galeessa Itoophiyaaf deeggarsa taasisu akka ittifufu mirkaneesse - ENA Afaan Oromoo
IMF guddinaa fi ce’umsa dinagdee hunda galeessa Itoophiyaaf deeggarsa taasisu akka ittifufu mirkaneesse
Onkoloolessa 4/2019 (ENA) Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa (IMF) deeggarsa ce’umsaa fi guddina diinagdee hunda-galeessa Itoophiyaaf taasiisu haala fulla’aa ta’een kan ittifufu ta'uu beeksiseera.
Walgaa’iin waggaa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa Taayilaand, Baankokitti gaggeeffamaa jira.
Walga’icharratti garee jilaa Bulchaa baankii biyyaalessaa Itoophiyaa Dr.Iyyoob Taakkaallanyiin durfamu hirmaachaa jira.
Walga’icha cinaatti Dr. Iyyoob Takaaliny itti aanaa daarektara IMF Naayijeel Kilaarki waliin marii taasiisaniiru.
Naayijeel Kilaarki, kaka'umsa, carraaqqii fi kutannoo cimaa Itoophiyaan riifoormii dinagdee itti fufsiisuuf qabdu dinqisiifataniiru.
Biyyattiin qormaatilee ishee mudatan dandamachuudhaan kutannoo fi jijjiiramicha ittifufsiisuuf dandeettii ishee irratti xiyyeeffannoo kennanii dubbataniiru.
Dabalataanis Itti aanaan Daarektarichaa, IMF hariiroo Itoophiyaa waliin qabu caalaatti cimsuuf fi tarsiimoo jijjiiramaa fi guddina diinagdee hunda-galeessa biyyattiif deeggarsa waaraa taasiisu caalaatti cimsee kan ittifufu ta'uu mirkaneessaniiru.
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa!