Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Affaaritti lammiilee sababa jijjiirama haala qilleensaatiin deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsi marsaa lammaffaa geejjibsiifamaa jira

Onkoloolessa 04//2019 (ENA) - Naannoo Affaaritti lammiilee sababa jijjiirama haala qilleensaatiin deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsi marsaa lammaffaa geejjibsiifamaa jiraachuu komishiniin hoggansa hojii soda balaa Itiyoophiyaa beeksise.

Konkolaattonni man kuusaa jiddu galaa Adaamaarraa deeggarsa namoomaa fe’an har’a garasitti deemaniiru

Naannichi humna ofiin deeggarsa gochuuf hojjechaa kan jiru yoo ta’u, komishiniin hooggansa hojii soda balaa Itiyoophiyaas lammiilee hunda dura dursi kennamuufii qabu deeggarsa taasisaa akka jiru beeksiseera.

Haala Kanaan komishinichi naannoo Affaaritti lammiilee hunda dura dursi kennamuufii qabuuf man-kuusaa jiddu galaa Adaamaarraa deeggarsa marsaa lammaffaa geejjibsiisaa jira.

Komishinichi deeggarsa Kanaan dura taasisaa ture cimsuudhaan dandeettii ofiitiin balaawwan uumamaa fi nam-tolcheef deeggarsa gochuuf tattaaffii itti jiru kan itti fufu ta’uu ibseera.

Kanaaf deeggarsi namoomaa naannoo Affaaritti lammiilee hunda dura deeggarsa barbaadaniif ergamaa jiru akka qaqqabu kan taasifamu ta’uu komishinichi ibseera.

Deeggarsi namoomaa marsaa jalqabaa tibbana gara naannawoota garagaraatti geejjibsiifamuunsaa ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015