Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaa fi Faransaay tumsa dinagdee isanii cimsuuf akka hojjetan ibsan

 

Onkoloolessa 3/2019 (ENA) Itoophiyaa fi Faransaay tumsa diinagdee yeroo dheeraa gidduu isaanii jiru caalaatti cimsuuf akka hojjetan beeksisan.

Walga’iin waggaa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa bara 2026 Taayilaand, Baangkookitti gaggeeffamaa jiru itti fufeera.


 

Jilli bulchaa Baankii biyyaalessaa Itoophiyaa Dr. Iyyoob Takaalinyiin durfamu Walga’ii kanarratti hirmaachaa jira .

Jilli kun walga’ii kana cinaatti itti aanaa barreessaa olaanaa Maallaqaa Faransaay Thomaas Riviyaal waliin marii gam-lamee gaggeessaniiru.

Walga'iin kun tumsa dinagdee yeroo dheeraa Itoophiyaa fi Faransaay gidduu jiru gamaaggamuuf carraa gaarii uumeera.

Marichaanis, ce’umsa riifoormii diinagdee gooroo Itoophiyaan hojiirra oolchaa jirtuun jijjiiramni bu’aa qabeessi dhufeera.


 

Dabalataanis, deeggarsaa fi hirmaannaa Faransaay dhiyeessii misoomaa Itoophiyaatiif gochaa jirtu irratti mari'atameera.

Maricharratti gareen lamaan misooma faayinaansiin, sirna liqii itti fufinsa qabuu fi bulchiinsaa, investimentii fi ijaarsa dandeettii dhaabbilee irratti caalaatti waliin hojjechuuf yaada wal-jijjiirraniiru.

Marii kun tasgabbii diinagdee fi guddina waaraa mirkaneessuuf tumsa itti fufinsa qabuuf gahee murteessaa akka qabu irratti xiyyeeffatameera.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015