Hojii dhabdummaadhaan yeroo dabarsinu gara oomishtummaatti jijjiiruun kanneen biroofis madda galii uumaa jirra - ENA Afaan Oromoo
Hojii dhabdummaadhaan yeroo dabarsinu gara oomishtummaatti jijjiiruun kanneen biroofis madda galii uumaa jirra
Onkoloolessa 03/2019 (ENA)- Dargaggoonni magaalaa Jimmaa Bunaa fi loozii sona itti dabaluun hojii dhabdummaadhaan yeroo dabarsan gara oomishtummaatti jijjiiruun kanneen biroofis madda galii uumaa jiraachuu ibsan.
Jimmaa fi naannoon ishee Bunaa fi looziidhaan beekamaa ta’us, oomishaaleen kunneen sona osoo itti hin dabaliin callaansaanii gabaaf kan dhihaatan waan ta’eef oomishtootarraa kaasee amma dargaggootaatti kan fayyadamu nama muraasa ture.
Kana malees dargaggoonni naannawichaa hedduun carraan hojii gahaan waan hin jirreef hojii dhabdummaaf saaxilamanii turaniiru.
Haa ta’u malee yeroo dhihoo asitti dargaggoonni magaalaa Jimmaa waldaalee xiqqaa fi maayikiroon gurmaa’an hula kana gara carraa gaariitti jijjiiraa jiru.
Oomishaalee akka jirutti gurguruu manna teeknooloojii fi kalaqatti gargaaramuun akaawwii, dhadhaa loozii fi daakuu fi buna saamsamame qiqindeessuun gabaaf dhiheessuu eegalaniiru.
Jiraataan magaalaa Jimmaa dargaggoo Junaddii Alii hojii dhabee yeroosaa qisaasaa akka ture dubbata.
Yeroo booda garuu haala naannawataa hubachuu fi qorachuun buna daakame gabaaf dhiheessuuf karoorsee hiriyyootasaa waliin gurmaa’ee hojii eegaluusaa ibseera.
Bulchiinsi magaalichaarraa leenjii argachuusaa fi hordoffiin akka taasifameef ibsee, yeroo ammaa buna qiqindeessuun gabaaf dhiheessaa akka jiru dubbateera.
Dargaggoo Najaa Danuur hiriyyootasaa waliin gurmaa’uun loozii qiqindeessuun carraa hojii uummatariiru.
Bittaan maashinii fi bakki hojii erga mijeeffameefiif booda hojii eegalanii haadholii naannawichaa 13’f carraa hojii uumaniiru.
Hojii kana gara Invastimantiitti jijjiiruuf fedhii akka qaban dargaggoo Najaa dubbateera.
በDargaggoota Kanaan carraa hojii kan argatan adde Foozee Abbaafiraa hojii argachuusaaniitti akka gammadan dubbataniiru.
Adde Waziifaa Abbaaraayyaa fi Shamsee Abbaamoggaa carraa hojii kanatti fayyadamuusaanii dubbataniiru.
Waajjira carraa hojii uumuu magaalaa Jimmaatti dursaan garee carraa hojii uumuu obbo Ashannaafii Girmaa, bara kana namoota kuma 31 fi 700’f carraa hojii uumuuf karoorfamee kurmaana jalqabaatti namoota kuma 2 fi 300’f carraan hojii uumamuusaa ibsaniiru.
Bara kana dargaggoota kuma 7 fi 400 caalan damee industiriin qofa hojiitti galchuuf karoorfamuu dubbataniiru.
Kurmaana jalqabaatti industirii godootiin waldaaleen 23 gurmaa’anii hojii eegaluusaanii dubbataniiru.
Dargaggoonni hojii eegalan oomishasaanii gabaaf akka dhiheessan baazaarii garagaraa fi kanneen birootiin dursa kennuun walitti hidhaminsi gabaa uumamaa jiraachuu obbo Ashannaafiin ibsaniiru.
Sadarkaan qulqullinaas abbaa taayitaa to’annoo qorichaa fi nyaataa waliin qindoominaan hordofamaa akka jiru eeraniiru.