Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi Emereetonni Araba Gamtoomanii damee Baankii fi faayinaansiin tumsa cimsuuf kutannoosaanii mirkaneessan

Onkoloolessa 3/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Emereetonni Araba Gamtoomanii damee Baankii fi faayinaansiin tumsasaanii caalaatti cimsuuf akka hojjetan beeksisan.

Walgahiin wagga dhaabbata maallaqaa idil addunyaa (IMF) fi baankii addunyaa Taayilaandi Baankookitti gaggeeffamaa jiru har’a guyyaa lammaffaasaati.

Gareen jilaa Itiyoophiyaa bulchaa baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Iyyoob Takkaalinyiin durfamu walgahii kanarratti hirmaachaa kan jiru yoo ta’u marii gam lame garagaraa gaggeessaa jira.

Doktar Iyyoob Takkaalinyi wal gahii kana cinaatti bulchaa baankii jiddu galeessaa Emereetota Araba gamtoomanii Kaaliid Mahaammad Baalaamaa waliin mari’ataniiru.

Mariin bulchitoota baankota giddu galaa biyyoota lamaanii kun tumsa dhimmoota tarsiimawaa gama baankii fi faayinaansiin jiru caalaatti cimsuun haala danda’amurratti kan xiyyeeffatedha.

Sirnoota faayinaansii biyyoota lamaanii caalaatti walitti fiduu fi muuxannoo wal jijjiiruuf dhimmoota gargaaranirratti yaada wal jijjiiraniiru.

Mariin kun tumsa tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi Emereetota Araba gamtoomanii jidduu jiru irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, tumsa gam lamee caalaatti cimsuuf kan akeeke ta’uun beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015