Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan guddina damee teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetiin taasiftu itti fufsiisuuf leenjii fi tumsa irratti xiyyeeffachuu barbaachisa

Onkoloolessa 3/2019(ENA)- Itiyoophiyaan imaammattoota dandeettii damee teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetiin qabdu hojiirra oolchuun gamatti dandeettii humna namaa leenjiin gabbisuu fi tumsa dhaabbilee cimsuun akka barbaachisu ibsame.

Yunivarsiitiin Jimmaa fi akkaadaamiin innoveeshin endi teeknooloojii dijitaalaa Afriikaa (ADITA) gama misooma teeknoolooji, leenjii fi tajaajila gorsa ogummaatiin waliin hojjechuuf walii galaniiru.

Hubannoo nam-tolchee baruu fi barsiisuu fi qorannoof itti gargaaramuuf dhimmoota barbaachisanirratti hoggantootaa fi ogeessota Yunivarsiitichaaf leenjiin kennameera.

Hojii raawwachiisaan olaanaa akkaadaamii innoveeshin endi teeknooloojii dijitaalaa Afriikaa piroofeesar Shaggaawu Annaagaawu, akkaadaamichi gama misooma teeknooloojiin, leenjii fi dhimmoota konsaltaansiitiin Yunivarsiitii Jimmaa waliin hojjechuuf walii galuusaa ibsaniiru

Tumsi kun Yunivarsiitonni hubannoo nam-tolchee baruu fi barsiisuu fi qorannoof sirnaan akka fayyadaman gargaaruuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan gama hubannoo nam-tolcheen jijjiirama guddaa agarsiisaa jiraachuu ibsanii, inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee hundeeffamuunsaa fi imaammanni damee kanaaf gargaaru bahuunsaa misooma teeknooloojichaa si’achiisuuf barbaachisoodha jedhaniiru.

Guddinni teknooloojii bu’a qabeessa akka ta’u nama ogummaan cime horachuu fi dhaabbilee barnootaa, dargaggootaa fi dhaabbilee garagaraaf leenjii kennuun akka barbaachisu eeraniiru.

Inistiitiyuutichi kaayyoo kanarratti hundaa’uun Yunivarsiitii Gondor, Bahaar Daar, Finfinnee fi Jimmaa dabalatee Yunivarsiitiiwwan biroo keessatti leenjii kennaa akka jiru Piroofeesar Shaggaawu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan moodaloota hubannoo nam-tolchee afaan biyyattii garagaraan hojjetan qopheessuun teeknooloojicharraa caalaa fayyadamuu akka qabdu eeraniiruy.

Pirezidaantiin Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Darajjee Ingidaa gamasaaniin, Yunivarsiitichi itti fayyadama teeknooloojii babal’isuuf dhaabbilee garagaraa waliin tumsaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Yunivarsiitichi hojjettootasaa teeknooloojiin ga’oomsuun gamatti dame hubannoo nam-tolcheetiin lammiilee ga’ooman horachuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Daarektarri wiirtuu ‘ICT’ Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Mahaammad Muntaaz, leenjiin akkaadaamichi Yunivarsiitii Jimmaatti kennaa jiru itti fayyadama hubannoo nam-tolchee guddisuuf qooda guddaa akka qabu ibsaniiru.

Yunivarsiitichatti daarektarri wiirtuu qacarrii hojii fi kalaqaa Dr. Wayinisheet Daffaar gamasaaniin, leenjiin kun hoggantoota olaanoo Yunivarsiitichaaf kennamuunsaa sadarkaadhumaan kanneen biroos leenjisuuf akka gargaaru dubbataniiru.

Leenjiin kun guyyoota lamaaf akka kennamu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015