Tamsaasa Kallatti:

Mootummaa Ida’amuu: kallattii haaraa guddinaa fi badhaadhina Itoophiyaa!

 

Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa booda Mootummaa Ida’amuu haaraa hundeessuun boqonnaa siyaasaa fi bulchiinsaa haaraa keessa seenteetti. Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Dr. Abiyyi Ahimad Muummee Ministiraa ta’uun erga muudamanii fi kakuu raawwatanii booda, mootummaa haaraa hundeessuun Imalli badhaadhinaa Itoophiyaa deemsa isaa cimse itti fufeera. Hundeeffamni mootummaa haaraa kun imala siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa Itoophiyaa keessatti hiika guddaa qaba.

Mootummaan Ida’amuu yaad-rimee garaagarummaa kabajuu, humnoota adda addaa walitti fiduu, tumsa cimsuu fi kaayyoo waliinii galmaan ga’uuf waliin hojjechuu irratti hundaa’a. Itoophiyaan yaad-rimee kana filachuun guddina dinagdee, tokkummaa biyyaalessaa, qindoomina dameewwan misoomaa fi dandeettii lammiilee fayyadamuun jijjiirama fiduu irratti xiyyeeffachuu ishee ibsa.

Mootummaan Ida’amuu Maal Jechuudha?

Mootummaan Ida’amuu jechuun garaagarummaa jiru hubachuu fi kabajuun, humnoota, yaadota, beekumsa, dandeettii fi qabeenya adda addaa kaayyoo waliinii galmaan ga’uuf walitti fiduun hojjechuu jechuudha. Yaad-rimeen kun garaagarummaa akka gufuu guddinaatti osoo hin taane, akka madda humnaa, kalaqaa fi carraa misoomaatti ilaala.

Akka kitaaba Mootummaa Ida’amuu fuula 7 irratti ibsametti, Mootummaan Ida’amuu mootummaa falaasama Ida’amuu irratti hundaa’uun hojjetu yoo ta’u, mootummaa misoomawaa (Developmental State) ta’ee jijjiirama caasaa irratti xiyyeeffata. Duudhaalee, qabeenya, aadaa, kennaa fi dandeettii hawaasni qabu walitti fiduun humna dhuunfaa caalaa bu’aa guddaa akka argamsiisu amana. Walitti dhufeenya, walhubannaa fi qindoomina cimsuun qabeenyaa fi horata uumuuf murteessaa ta’uu irratti xiyyeeffata.

Akkasumas, walitti dhufeenya hawaasaa keessatti madaallii eeguu, fakkoommiiwwan biyyaalessaa garaagaraa walitti fiduun hawaasa siyaasaa fi dinagdee ijaaruu, olaantummaa seeraa kabajuu fi jijjiirama itti fufiinsa qabu mirkaneessuu irratti hundaa’a. Ilaalchi isaa kaleessa, har’aa fi egeree walitti hidhuun jijjiirama waaraa fiduu irratti xiyyeeffata. Kanaaf, Mootummaan Ida’amuu sirna siyaasaa,seera, bulchiinsaa, dinagdee, haqaa, misoomaa fi hawaasummaa qajeeltoowwan kanneen irratti hundaa’e ijaaruuf kan kaayyeffatefi daandii badhaadhinaa damdaneessa horfdofa.

Itoophiyaan biyya saboota, sablammootaa fi ummattoota afaan, aadaa, seenaa, amantii fi duudhaa garaagaraa qaban of keessatti qabduudha. Haala kana keessatti, garaagarummaa kabajuu, walhubannaa cimsuu, dandeettii jiru qindeessuu fi kaayyoo waliinii irratti hojjechuun bu’uura yaad-rimee Ida’amuu keessaa isa tokko ta’a.

Ida’amni garuu garaagarummaa balleessuu, eenyummaa namootaa ukkaamsuu ykn namoonni hundi yaada tokko qofa akka qabaatan dirqisiisuu miti. Kanaa mannaa, namoonni yaada, ilaalcha, dandeettii fi muuxannoo garaagaraa qaban garaagarummaa isaanii kabajanii, faayidaa waliinii irratti waliigaltee uumuun rakkoolee waloo furuuf waliin hojjechuu jechuudha.

Yaadamni Ida’amuu kun siyaasaa fi bulchiinsa qofarratti kan daangeffamu miti. Dinagdee, hawaasummaa, aadaa, barnoota, saayinsii, teeknooloojii fi hariiroo biyyoota biroo waliin taasifamu keessatti hojii irra ooluu danda’a. Kaayyoon isaa humnoota adda addaa walitti fiduun bu’aa waliinii uumuu, dandeettii jiru guutummaatti fayyadamuu fi guddina itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf hojjechuudha.

Amaloota Ijoo Mootummaa Ida’amuu

1. Garaagarummaa kabajuu fi tokkummaa cimsuu

Amalli ijoo Mootummaa Ida’amuu keessaa tokko garaagarummaa kabajuu fi humnoota garaagaraa kaayyoo waliiniif walitti fiduudha. Itoophiyaan qabeenya aadaa, afaanii, seenaa fi duudhaa bal’aa qabdi. Qabeenyi kun sirnaan yoo qindaa’e, tokkummaa biyyaalessaa cimsuu, walhubannaa guddisuu fi misooma biyyattii saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Ilaalcha kanaan, garaagarummaan akka sababa walitti bu’iinsaatti osoo hin taane, akka carraa walirraa barachuu fi waliin guddachuuf gargaarutti ilaalama. Tokkummaan biyyaalessaa dhugaan garaagarummaa ukkaamsuun osoo hin taane, mirga, kabaja fi faayidaa waliinii kabajuun ijaarama.

2. Tumsa, marii fi waliigaltee irratti hundaa’uu

Amalli lammaffaan Mootummaa Ida’amuu tumsa, marii fi waliigaltee irratti xiyyeeffachuudha. Rakkooleen biyya tokko mudatan hedduun qaama tokko qofaan furmaata argachuu hin danda’an. Kanaaf, qaamoleen mootummaa, dhaabbileen dhuunfaa, hawaasni, ogeeyyiin fi uummanni waliigalaan gahee isaanii bahachuun barbaachisaa dha.

Marii bu’a qabeessa taasisuun, yaada garaagaraa dhaggeeffachuun, walhubannaa uumuu fi furmaata waliinii irratti hojjechuun rakkoolee furuuf murteessaa dha. Kana malees, hirmaannaa uummataa guddisuun, iftoomina mirkaneessuun fi itti gaafatamummaa cimsuun bulchiinsa gaarii ijaaruuf bu’uura ta’u.

3. Misooma dameewwan walitti hidhatan mirkaneessuu

Amalli sadaffaan misooma dameewwan adda addaa walitti hidhuun raawwachuudha. Akka ilaalcha Ida’amuu keessatti, misoomni damee tokkoo damee biraa irraa adda ba’ee ilaalamuu hin qabu. Dameewwan dinagdee walitti hidhata waan qabaniif, damee tokko irratti hojjechuun bu’aa dameewwan biroo irrattis dhiibbaa qaba.

Fakkeenyaaf, qonni oomisha dabaluuf teeknooloojii, humna ibsaa, geejjiba, gabaa fi warshaalee waliin walitti hidhata qaba. Oomishni qonnaa yoo dabale, warshaaleen oomisha qonnaa irraa argamu fayyadamuun oomishaalee dabalataa oomishuu danda’u. Geejjibni fi bu’uuraaleen misoomaa yoo fooyya’an, oomisha gara gabaa geessuun salphata. Kanaaf, dameewwan misoomaa qindoominaan guddisuun oomishtummaa dabaluun, carraa hojii uumuu fi dinagdee cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba.

4. Dandeettii namaa, kalaqaa fi teeknooloojii fayyadamuu

Mootummaan Ida’amuu dandeettii namaa, beekumsa, saayinsii, teeknooloojii fi kalaqa walitti fiduun rakkoolee furuuf xiyyeeffata. Biyyi tokko qabeenya uumamaa qofa irratti hirkachuu osoo hin taane, beekumsa fi dandeettii lammiilee ishee guddisuun guddina waaraa galmaan ga’uu dandeessi.

Kanaaf, barnoota qulqullina qabu babal’isuu, dandeettii ogummaa guddisuu, qorannoo saayinsii jajjabeessuu fi teeknooloojii haaraa hojii irra oolchuun barbaachisaa dha. Dargaggootaaf carraa hojii uumuu, kalaqa deeggaruu fi oomishtummaa guddisuunis bu’uura misooma Ida’amuu keessaa isa tokko.

5. Qabeenya jiru qindeessuun bu’aa guddaa argamsiisuu

Qabeenyi uumamaa, humni namaa, beekumsi, maallaqni fi bu’uuraaleen misoomaa sirnaan yoo qindaa’an bu’aa guddaa argamsiisuu danda’u. Ida’amni qisaasama qabeenyaa hir’isuun, humna jiru gara hojii bu’a qabeessaatti jijjiiruun fi carraawwan jiran walitti hidhuun bu’aa waliinii guddisuuf yaala.

Fakkeenyaaf, qonnaan bulaan oomisha isaa gara gabaa geessuuf geejjiba, odeeffannoo gabaa fi tajaajila faayinaansii yoo argate galii isaa guddisuu danda’a. Akkasumas, dargaggoonni beekumsa teeknooloojii qaban dhaabbilee oomishaa fi tajaajilaa waliin yoo hojjetan, carraa hojii uumuu fi dinagdee cimsuu keessatti gahee guddaa bahachuu danda’u.

6. Haqa, itti gaafatamummaa fi bulchiinsa gaarii cimsuu

Yaadamni Ida’amuu hojii irra ooluu kan danda’u dhaabbileen mootummaa itti gaafatamummaa qaban, seera kabajan, haqaan hojjetan fi uummataaf tajaajila kennan yoo jiraatanidha. Kanaaf, haqni, walqixxummaan carraa, iftoomni, olaantummaan seeraa fi malaammaltummaa ittisuun milkaa’ina mootummaa keessatti iddoo olaanaa qabu.

Akkasumas, uummanni murtoowwan isa ilaallatan keessatti hirmaachuu, komii isaa dhiyeeffachuu fi tajaajila mootummaa argachuuf carraa walqixa qabaachuu qaba. Kunis amantaa uummataa cimsuun mootummaa fi uummata gidduutti hariiroo gaarii uuma.

Itoophiyaan Maaliif Maqaa “Mootummaa Ida’amuu” Filatte?

Itoophiyaan maqaa “Mootummaa Ida’amuu” filachuun yaadamaa Mootummaa Ida’amuu fi Paartiin Badhaadhinaa guddina biyyaalessaa, tokkummaa, tumsa fi jijjiirama dinagdee ittiin ibsan waliin walqabata. Ilaalchi kun humnoota biyyattii keessa jiran walitti fiduun, qabeenya jiru qindeessuun fi kaayyoo guddinaa waliinii galmaan ga’uuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsa.

Itoophiyaan garaagarummaa afaanii, aadaa, seenaa fi muuxannoo bal’aa qabdi. Garaagarummaan kun walhubannaa, walqixxummaa fi hirmaannaa irratti hundaa’uun yoo qindaa’e, carraa guddina biyyaalessaa guddaa uuma.

Sababni biraa dameewwan misoomaa walitti hidhuun guddina saffisaa fi itti fufiinsa qabu galmaan ga’uudha. Rakkoolee dinagdee, hojii dhabdummaa, oomishtummaa gadi aanaa fi hanqina tajaajila hawaasummaa furuuf qabeenya jiru qindoominaan fayyadamuun murteessaa dha. Yaadamni Ida’amuu qabeenya, dandeettii fi carraawwan adda addaa walitti fiduun rakkoolee kanaaf furmaata barbaaduu irratti xiyyeeffata.

Dabalataanis, maqaan kun garaagarummaa yaadaa fi dandeettii jiru kaayyoo waliinii irratti bobbaasuun jijjiirama fiduuf yaada mootummaa ibsa.

Itti Gaafatamummaa fi Milkaa’ina Mootummaa Ida’amuu

Mootummaan Ida’amuu kaayyoo isaa galmaan ga’uuf hojii irra oolmaa bu’a qabeessa ta’e barbaada. Garaagarummaan yaadaa karaa nagaa fi seera qabeessa ta’een ibsamuu, komiin uummataa dhaggeeffatamuu fi murtoowwan uummata irratti dhiibbaa qaban keessatti hirmaannaan bal’aan jiraachuu qaba. Haalli akkanaa amantaa uummataa cimsuu fi bulchiinsa itti gaafatamummaa qabu ijaaruu keessatti murteessaa dha.

Milkaa’inni Mootummaa Ida’amuu bu’aa qabatamaa jireenya uummataa keessatti fidaa jira. Hojii uumuu, galii maatii guddisuu, qulqullina barnootaa fi tajaajila fayyaa fooyyessuu, bu’uuraalee misoomaa babal’isuu, oomishtummaa guddisuu fi tajaajila mootummaa fooyyessuun mallattoolee milkaa’ina isaa keessaa muraasa.

Hojiiwwan kunneen iftoomina, madaallii bu’aa fi itti gaafatamummaa waliin raawwatamuu qabu. Uummannis hojii mootummaa irratti odeeffannoo argachuu, raawwii isaa hordofuu fi yaada kennuu keessatti carraa qabaachuu qaba. Kunis mootummaa fi uummata gidduutti amantaa cimsuun, qabeenya uummataa sirnaan fayyadamuu fi bu’aa misoomaa fooyyessuuf gargaara.

Mootummaan Ida’amuu garaagarummaa kabajuun, tumsa cimsuun, qabeenya jiru qindeessuun fi dandeettii lammiilee fayyadamuun guddina Itoophiyaa saffisiisuun kaayyoo qabatee milkeessaa jira. Yaadamni Ida’amuu garaagarummaa madda humnaa taasisuun, hirmaannaa uummataa cimsuun fi misooma walitti hidhame hojiitti hiikuun deeggarame, guddina waaraa fi badhaadhina waliinii ijaaruu keessatti gumaacha guddaa qabaahaachaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015