Magaalaa Bishooftuu wiirtuu turizimii fi konfaransii gochuuf hojiiwwan bu’a qabeessa hojjetaman caalaa gochuuf xiyyeeffatameera - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Bishooftuu wiirtuu turizimii fi konfaransii gochuuf hojiiwwan bu’a qabeessa hojjetaman caalaa gochuuf xiyyeeffatameera
Onkoloolessa 3 /2019 (ENA)- Magaalaa Bishooftuu wiirtuu turizimii fi konfaransii filatamtuu gochuuf hojiiwwan bu’a qabeessa hojjetaman caalaa gochuuf xiyyeeffatamuusaa kantiibaan magaalattii Alamaayyoo Asaffaa ibsan.
Biyya guddoo, ummata guddaa, mul’ata guddaa
Sababa misooma kooriidaraa yaadama mootummaa ida’amuutiin guutuu biyyaatti hojjetamaa jiraniin magaalota haaromfamanii fi haaromfamaa jiran keessaa magaalaan Bishooftuu ishee tokkodha.
Bulchiinsi magaalaa Bishooftuu misooma kooriidaraa dabalatee kennaa magaalattiin misoomuuf qabdu misoomsuun hawata turizimiif qabdu caalaatti saaqaa jira.
Kantiibaan magaalaa Bishooftuu Alamaayyoo Asaffaa turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, baay’ina turistii dabaluudhaan carraa hojii haaraa lammiileef uumuuf hojjetamaa jira.
Magaalattiin qabeenya uumamaa qabdu misoomsuun, bu’uraalee misoomaa turizimii caalaatti babal’isuun fayyadama dinagdee dame kanarraa argamu caalchisuuf xiyyeeffatamuu dabalanii ibsaniiru.
Haroowwan magaalattii keessatti argaman torba, haala qilleensaa mijataa fi bu’uraalee misoomaa riizoortotaa fi hoteelotaatti fayyadamuun baay’ina daawwattootaa guddisuuf xiyyeeffatamuu ibsaniiru.
Dureeyyii biyya keessaa fi biyya alaa qarree haroowwaniitti bu’uraalee misoomaa turizimii fi bakkeewwan bashannanaa ijaaruu barbaadaniif haalli mijataa uumamuu dubbataniiru.
Magaalaan Bishooftuu bu’uraalee misoomaa wal gahiiwwan idil addunyaa keessummeessuuf gargaaran guutuuf hojjetamaa jiraachuu eeranii, hojiiwwan kun bara bajataa kanattis cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Qabeenyota uumamaa fi nam-tolchee misoomsuun baay’ina turizimii fi fayyadama dinagdee damee kanarraa argamu guddisuuf hojjetamaa akka jiru kantiibichi dabalanii dubbataniiru.
Haala Kanaan wiirtuun konveenshinii fi galmi wal gahii akkasumas galmoonni tajaajila biroof oolan naannawa Haroo Harsadee jiraachuunsaanii kanaaf haala mijataa akka uuman ibsaniiru.
Hoteelota, riizortiiwwanii fi bakkeewwan bashannanaa babal’isuudhaan dandeettii magaalattiin turistoota keessummeessuuf qabdu guddisuuf akka hojjetamu dubbataniiru.
Buufanni Xiyyaaraa idil addunyaa magaalattiitti ijaaramaa jiru magaalattiif bu’aa dinagdee dabalataa ta’uusaa fi sochii dinagdee magaalattii guddisuun carraa hojii uumuuf gumaacha olaanaa akka gumaachu ibsaniiru.