Tamsaasa Kallatti:

Dhaaltuun mootummaa Sa’udii Arabiyaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif ergaa baga gammaddanii dabarsan

Onkololeessa 3/2019 (ENA) Dhaaltuun Mootummaa Sa'udii Arabiyaa Mohammad bin Salman bin Abdulaziz Al Sa'ud, Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa 7ffaan bara hojii 1ffaa fulbaana 25/2019 walga'ii idilee 1ffaa hundeeffama mana marichaa irratti Dr. Abiyyi Ahimad ministira muummee moggaaseera.

Dhaaltuun mootummaa Sa’udii Arabiyaa Mohammad bin Salman bin Abdulaziz Al Sa'udii ergaa dabarsaniin, Ministira Muummeetiif baga gammaddan jechuun hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Dhaaltuun mootummaa Ministira Muummeetiif milkaa'ina, ummata Itoophiyaatiif immoo guddinaa fi badhaadhina ittifufinsa qabu akka tahu hawwaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015