Naannoo Tigraayitti adeemsi hidhattoota hidhannoo hiikkachiisuu fi gara jireenya nagaatti deebisuu (DDR) addaan cite ture deebi’ee eegalame. - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Tigraayitti adeemsi hidhattoota hidhannoo hiikkachiisuu fi gara jireenya nagaatti deebisuu (DDR) addaan cite ture deebi’ee eegalame.
Onkololeessa 3/2019 (ENA):- Dargaggoonni humnoota hidhatan keessaa ba’uun gara jireenya nagaatti deebi’uu barbaadan Magaalaa Maqaleetti galmaa’aa jiraachuun ibsame.
Naannoo Tigraayitti adeemsi hidhannoo hiikkachiisuu, humnoota hidhatan keessaa ba’uu fi gara jireenya nagaa deebisuu (DDR) addaan citee ture irra deebi’ee eegalamuu isaa hordofee, hidhattoonni gara jireenya nagaa deebi’uu barbaadan galmaa’aa jiraachuun ibsameera.
Adeemsa kana itti fufsiisuuf, hidhattoonni waamicha nagaa dhihaateef fudhachuun Magaalaa Maqaleetti wiirtuu galmee Komishinii Poolisii Tigraayitti argamuun galmaa’aa akka jiran ibsameera.
Dargaggoota adeemsa galmee kana irratti hirmaachaa jiran keessaa muraasni akka jedhanitti, naannoo isaanii keessatti kutaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaatti argamani meeshaalee waraanaa isaanii erga kennanii booda, galmaa’uuf gara Maqalee dhufaniiru.
Adeemsi DDR irra deebi’ee eegalamuu isaa, hidhattoonni sababa walitti bu’iinsaatiin jireenya rakkisaa keessa turan jireenya waraanaa keessaa ba’anii gara jireenya hawaasummaa fi dinagdee tasgabbaa’aatti akka ce’an carraa haaraa kan uumu ta’uun ibsameera.
Hoggantoonni Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa gama isaaniin, keessumaa dargaggoonni Tigraay sababa walitti bu’iinsa duraanii irraa kan ka’e rakkoolee garaagaraaf saaxilaman abdii osoo hin kutatin carraawwan gara jireenya nagaa isaan deebisanitti akka fayyadaman, akkasumas jireenya isaanii gara fuulduraa irra deebi’anii akka ijaarratan waamicha dhiheessuu isaanii ni yaadatama.
Kaayyoon ijoo adeemsa DDR hidhattoonni humnoota hidhatan keessaa ba’uun gara jireenya hawaasummaa idileetti akka deebi’an, akkasumas ijaarsa nagaa fi hojiiwwan misoomaa keessatti akka hirmaatan taasisuudha.
Kaayyoo kana milkeessuuf mootummaan Itoophiyaa, dhaabbileen biyya keessaa fi michoonni idil-addunyaa qindoominaan hojjechuun deeggarsa taasisuun murteessaa ta’uunis eerameera.
Hidhattoonni yeroo galmaa’an dubbisne keessaa muraasni, adeemsi DDR irra deebi’ee eegalamuu isaa jireenya hidhannoo keessaa ba’anii gara jireenya nagaa ce’uuf tarkaanfii barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Dabalataanis, Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa hidhattoonni galmaa’uu barbaadan Magaalaa Maqaleetti wiirtuuwwan Komishinii Poolisii Tigraayii fi Ajaja Kaabaa keessatti argamanitti akka galmaa’an waamicha dhiheessuu isaa ibsameera.