Itoophiyaafi Baankiin Addunyaa hojiiwwan misoomaa bu’aa qabatamaa uummataaf argamsiisuu danda’an cimsuuf akka hojjataan ibsan. - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaafi Baankiin Addunyaa hojiiwwan misoomaa bu’aa qabatamaa uummataaf argamsiisuu danda’an cimsuuf akka hojjataan ibsan.
Onkololeessa 2/2019 (ENA):-Itoophiyaa fi Baankiin Addunyaa hojiiwwan misoomaa bu’aa qabatamaafi waaraa uummataaf argamsiisan irratti tumsa isaanii cimsanii akka waliin hojjetan beeksisaniiru.
Walgahiin waggaa Dhaabbata Maallaqa Idil-addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa har’a Baankook, Taayilaanditti jalqabameera.
Jilli olaanaa Itoophiyaa Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa, Doktar Iyyoob Takkalinyiin durfamu, walgahii waggaa Dhaabbata Maallaqa Idil-addunyaa fi Baankii Addunyaa irratti hirmaachuuf Baankook jira.
De'eetaan Ministiraa Maallaqaa Aadde Tigist Fissahaa dabalatee, hooggantoonni mootummaa Itoophiyaa jila kana keessatti hammatamaniiru.
Jilli Itoophiyaa walgahicha cinaatti Itti Aanaa Pirezidaantii Naannoo Afrikaa Bahaa fi Kibbaa Baankii Addunyaa, Dooktar Niidiyaamé Diyoop waliin marii taasiseera.
Marichis tumsa misoomaa dameewwan garaagaraa irratti xiyyeeffateera.
Marii kanaanis hariiroon tumsa cimaa yeroo dheeraa Itoophiyaafi Baankiin Addunyaa gidduu jiru gamaaggamamuu, akkasumas kallattiiwwan tumsa gara fuulduraa fi dameewwan dursa kennamuuf qaban irratti mari’atamuun ibsameera.
Dhimmoota marii keessatti xiyyeeffannoo argatan keessaa tokko Bu’uura Waliigaltee Tumsa Biyyaalessaa haaraa qopheessuudha.
Itti fufiinsa dinagdee gooroo mirkaneessuu, dameen dhuunfaa dorgomaa ta’e akka dagaagu taasisuu fi daldala al-ergii guddisuun dhimmoota ijoo xiyyeeffannoo argatan keessaa isaan muraasa ta’uun eerameera.
Kana malees, qonna ammayyeessuu fi jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda’u guddisuu, sirna waliiti hidhamiinsa gatii qonnaa cimsuu, bu’uuraalee misoomaa waaraa babal’isuu fi walitti hidhamiinsa anniisaa naannawaa guddisuun dhimmoota dursa argatan keessaa ta’uun ibsameera.
Dabalataanis, misooma qabeenya namaa guddisuu fi sirna eegumsa hawaasaa cimsuun dhimmoota tumsa Itoophiyaafi Baankii Addunyaa keessatti xiyyeeffannoo argatan ta’uun himameera.
Jilli Itoophiyaa, Waltajjii 32ffaa Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP32), Itoophiyaan bara 2027 keessummeessuuf qophii taasisaa jirtu ilaalchisee deeggarsi teeknikaa Baankii Addunyaa cimee akka itti fufu gaaffii dhiyeesseera.
Akkasumas, pirojektoonni misoomaa yeroo ammaa hojiirra jiran bu’aawwan barbaadaman yeroo gabaabaa keessatti akka argamsiisan raawwiin isaanii saffisiifamuu akka qabu waamicha dhiyeesseera.
Dhuma irratti, Itoophiyaafi Baankiin Addunyaa hojiiwwan misoomaa bu’aa qabatamaafi waaraa uummata Itoophiyaaf argamsiisan milkeessuuf tumsa isaanii cimsanii fi kutannoo olaanaadhaan waliin hojjechuuf qophii qabaachuu isaanii mirkaneessaniiru.
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa!