Tamsaasa Kallatti:

Guyyaa Alaabaa yeroo kabajnu ergama biyyaalessaa nutti kenname ba’achuun hojiiwwan tokkummaa biyyaalessaa fi Waliigaltee cimsan ittifufsiisuuf waadaa seenuuni - gaggeessitoota fi hojjettoota ENA

Onkoloolessa 2/2019(ENA) Gaggeessitoonnii fi hojjettoonni ENA akka jedhanitti, Guyyaa Alaabaa yeroo kabajnu ergama biyyaalessaa nutti kenname ba'achuudhaan hojiiwwan tokkummaa biyyaalessaa fi walii galtee cimsan itti fufsiisuuf waadaa seenuudhaan ta’uu ibsaniiru.

Guyyaan Alaabaa biyyaalessaa 19ffaan mata duree “Alaabaan keenya walii galtee biyyaalessaa fi tokkummaa keenyaaf” jedhuun guutuu biyyatti kabajamee jira.

Gaggeessitoonnii fi hojjettoonni ENA guyyaa Alaabaa biyyaalessaa marii paanaalitiinii fi sirna alaabaa ol baasutiin kibajaniiru.


Hojii Raawwachiisaa olaanaan ENA Obbo Seyifee Darribee wayita sana akka jedhanitti, Alaabaan biyyaalessaa hiika hedduu kan qabu mallattoo biyyaati jedhaniiru.

Alaabaan Itoophiyaa itti fufiinsa biyyaa mirkaneessuudhaaf, tokkummaa sab-daneessummaa eeguudhaaf fi jaalala lammimma jabeessuudhaaf itti gaafatamummaa guddaa biyyaalessaa kan qabate ta’uu ibsaniiru.

Kanaanis waan nurraa eegamu ba'achuun biyya jabduu dhaloota dhufuuf dabarsuuf ciminaan hojjechuu qabna jedhaniiru.


Dameen miidiyaa fi komunikeeshinii odeeffannoowwan walii gala biyyaalessaa fi tokkummaa uummataa jabeessan bifa sirriitiin uumuudhaan jaalala lammummaa cimsuu akka qabu ibsaniiru.

Gaggeessitoonni fi hojjettoonni ENA akka jedhanitti, Guyyaa Alaabaa yoo kabajnu ergama biyyaalessaa nutti kenname ba'achuudhaan hojiiwwan tokkummaa biyyaaleessaa fi waliigaltee jabeessan itti fufsiisuuf waadaa seenuudhaani jedhaniiru.

Itti Aanaa Hojii gaggeessa olaanaa ENA Obbo Nagaasii Ambaayee gama isaaniitiin akka jedhanitti, tokkummaa biyyaalessaa jabeesuuf seenessa tokkummaa cimsu gara fuulduraatti fiduun ta’uu qaba jedhaniiru.


itti Aanaa Hojii raawwachiisaa olaanaa   ENA Obbo Tafarra Baqqalaa akka ibsanitti, ENA’n oduu fi hojiiwwan oduu walqabatan l cimsee hojjechuun walii galtee biyyaalessaa fi tokkummaa caalaatti jabeessuudhaaf akka hojjetu dubbataniiru.

Itti Aantuu Hojii raawwachiisaa olaanaa ENA Beteliheem Ababaaw gama isaniitiin alaabaan keenya mallattoo tokkummaa keenyaa ta'uu eeruun, kunis Afrikaanotaaf fakkeenya bilisummaa ta'uu dubbataniiru.

Hirmaattonni marii fi hojjettoonni yaada kennaniin, Guyyaa Alaabaa yoo kabajnu ergama biyyaalessaa nutti kenname ba'achuudhaan hojiiwwan tokkummaa biyyaalessaa fi waliigaltee cimsan itti fufsiisuuf waadaa kan seennudha jedhaniiru.

#BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #mulataguddaa

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015