Alaabaa keenya aarsaan har’a gahe kabajuudhaan waloomnee misoomaaf hojjechuu qabna-af-yaa’ii Sulxaan Abdusalaam - ENA Afaan Oromoo
Alaabaa keenya aarsaan har’a gahe kabajuudhaan waloomnee misoomaaf hojjechuu qabna-af-yaa’ii Sulxaan Abdusalaam
Onkoloolessa 2/2019 (ENA)- Alaabaa keenya aarsaan har’a gahe kabajuudhaan waloomnee misoomaaf hojjechuu qabna jechuun dubbatan af-yaa’iin naannoo Hararii Sulxaan Abdusalaam.
Guyyaan alaabaa biyyaalessaa 19ffaan “Alaabaan keenya waliigaltee biyyaalessaa fi tokkummaa keenyaaf” jedhuun naannoo Harariitti kabajameera.
Pirezidaantiin naannichaa obbo Ordiin Badrii, af-yaa’iin mana maree naannichaa obbo Sulxaan Abdusalaam, hoggantoonni olaanoo naannichaa fi miseensonni poolisii sirnicharratti argamaniiru.
Pirezidaanti Ordiin Badrii fi af-yaa’iin mana maree naannoo Hararii obbo Sulxaan Abdusalaam Alaabaa Fannisaniiru.
Af-yaa’iin mana maree naannoo Hararii obbo Sulxaan Abdusalaam saganticharratti akka jedhanitti, Alaabaan abboootii keenyarraa kan dhaalle eenyummaan keenya kan ittiin beekamuu fi ibsituu eenyummaa keenyaati.
Alaabaa aarsaan har’a gahe kabajuudhaan waloomnee misoomaaf hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru.
Kanaaf mootummaan ida’amuu karoora biyya ceesisan hojiirra oolchuun fayyadama ummataa mirkaneessuu akka qabu eeraniiru.
Hogganaan waajjira dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannichaa obbo Heenook Mulunaa gamasaaniin; guyyaan Alaabaa kabajamuunsaa dhalootaaf imaanaa kan kenninuu fi badhaadhina bu’ura cimaarra kan dhaabnudha jedhaniiru.
Kanaaf Alaabaan waadaa walii galtee biyyaalessaa ittiin cimsinu, nagaa fi misooma ittiin mirkaneessinu ta’uu ibsaniiru.
Alaabaan keenya bilisummaa keenyaaf raga, haaromsa keenya gaggeessuu fi Itiyoophiyaa egereef roga amansiisaa ta’ee bara baraaf ol kaafamee ni mirmirfama jedhaniiru.