Tamsaasa Kallatti:

Gurmaa’insi haaraan tajaajila si’ataa fi qulqullina qabu hawaasaaf dhiheessuuf dandeesisa

Onkololeessa 2/2019 (ENA):- Godina Lixa Oromiyaa keessatti gurmaa’insa haaraa godinaalee ilaalchisee qaamolee hawaasaa fi qooda fudhattoota waliin mariin hubannoo uumuu eegaleera.

Wixinee Labsii Godinaalee Oromiyaa qophaa’e irratti hundaa’uun, gurmaa’insa hojiiwwan murteessoo of keessatti hammateen hawaasni tajaajila sirnaawaa, qulqullina fi itti dhiheenyaan akka argatuuf kan yaadame ta’uun waltajjii marii kana irratti ibsameera.

Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Bulchaan Godina Lixa Oromiyaa Obbo Masfin Malaakuu, haasaa baniinsaa waltajjichaa irratti taasisaniin jijjiiramoota hanga ammaatti taasifamaniin bu’aawwan gurguddaan sadarkaa gandaa irraa kaasee hanga biyyaalessaatti galmaa’anii fi lammiileen irraa fayyadamaa jiran yaadachiisaniiru.

Kaayyoon gurmaa’insa haaraa godinaalee, keessumaa Godina Lixa Oromiyaa,Oromiyaa dinagdeen, nageenyaan fi misoomaan cimtuu taate ijaaruuf murteessaa ta’uu Obbo Masfiin ibsaniiru.

Kana malees, gurmaa’insi kun sirna cimaa uummata tajaajilu ijaaruu fi cimsuu bira darbee, dhaloota barnootaa fi teknooloojiin gahumsa horatee sadarkaa addunyaatti dorgomuu danda’u uumuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.

Galma kana milkeessuufis halkanii fi guyyaa hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Waltajjii marii kana irratti Gorsaan Olaanaan Bulchaa Godina Lixa Oromiyaa, akkasumas Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Lixa Oromiyaa Obbo Taliilaa Tarrafaa, sanada marii gurmaa’insa godinaalee dhiheessaniiru.

Obbo Taliilaan, gurmaa’insi haaraan kun tajaajila si’ataa, qulqulluu fi dhaqqabamaa ta’e hawaasaaf dhiheessuu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Walumaagalatti, mariin kun gurmaa’insa haaraa godinaalee irratti hubannoo uumuun, qooda fudhattoonni kaayyoo fi faayidaa isaa akka hubatan, akkasumas tajaajila mootummaa gahumsa qabu hawaasaaf dhiheessuuf yaadaafi yaada furmaataa akka kennan kan dandeessisu ta’uun ibsameera.

Maddaa-Koominikeeshinii Godinichaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015