Ni raawwanna- Miseensotaa fi Mokonninoota Iizzii giddugal Daalol - ENA Afaan Oromoo
Ni raawwanna- Miseensotaa fi Mokonninoota Iizzii giddugal Daalol
Onkololessa2/2019 (ENA) Birmadummaa Itoophiyaa ,faayidaa biyyaalessaa fi kabaja Itoophiyaa kabachiisuudhaan Alaabaa ishee ol kaasuuf kutannoodhaan kan hojjetan ta'uu Raayyaa Ittisa Biyyaatti mokonnonnii fi miseensonni ' Iizzii gidduugala Daalool' ibsan.
Guyyaan Ayyaana Alaabaa 19ffaan Magaalaa Jimmaatti sirna garaagaraan bifa miidhageen kabajameera.
Kabaja ayyaana kana irratti hoggantoonni ol'aanoo mootummaa, mokonnonnii fi miseensonni raayyaa, manguddoonni biyyaa akkasumas jiraattonni naannichaa hirmaataniiru.
Raayyaa Ittisa Biyyaatti Itti gaafatamaan Ijaarsa xiinsammuu fi qophii barruu 'Iizzii gidduugala Daalool' Leetenal Koloneel Argaawu Laggasaa, hojiiwwan Itoophiyaanonni gamtaanii fi walta'insaan raawwatan dhumni isaa yeroo hunda injifannoo ta'uu ibsan.
Qaamonni biyya diiguuf fi ummata saamuuf tattaaffatan kaayyoon isaanii gonkumaa kan hin milkoofne ta'uu ibsuun; faayidaa biyyaalessaa fi kabaja Itoophiyaa waaraadhaan mirkaneessuuf aarsaan biyyaaf kafalamu cimee kan ittifufu ta'uu hubachiisaniiru.
Miseensota 'Iizzii gidduugala Daalool' kan ta'an ajajaa dhibbaa Alamaayyoo Chakolii fi Ajajaa dhibbaa Meelaat Kaassahuun gama isaaniitiin; birmadummaa biyya isaanii kabachiisuun fi akkuma amaleeffatan Alaabaa ol kaasuuf kutannoo cimaadhaan kan hojjetan ta'uu beeksisaniiru.
Raayyaan ittisa biyyaa yeroo kamittuu qaama birmadummaa fi faayidaa biyyaalessaa biyyattii qoru irratti tarkaanfii madaalawaa fudhachuudhaan, faayidaan biyyaalessaa Itoophiyaa guutummatti hamma mirkanaa'utti imalli injifannoosaa cimsee kan ittifu ta’uu ibsaniiru.
Kabaja ayyaanaa kana irratti kan argaman Afa-yaa'iin Mana Maree Magaalaa Jimmaa Aadde Mastaawot Yilmaa gama isaaniitiin, Alaabaan dhiigni itti kafalamee mallattoo keenya walooti jedhaniiru.
Mootummaan fayyadamummaa waliigalaa ummataa guddisuun guddina waaraa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo ol'aanaa kennee hojjechaa jiraachuu ibsuun; gaaffiiwwan hawaasaa bu'uura godhachuudhaan jijjiirama gaarii fiduuf kutannoon kan hojjetan ta'uu dubbataniiru.
Magaalaa Jimmaatti carraa hojii uumuu fi damee investimantiitiif xiyyeeffannoo addaa kennamee kan hojjetamu ta'uu kan ibsan Afa-Yaa'iin kun, Guyyaa Alaabaa kabajuun kakuu guddinaa fi tokkummaa haaraa galuudha jedhaniiru.
Itti gaafatamaan Diviizyinii Komunikeeshinii Qajeelcha Poolisii Magaalaa Jimmaa Komaander Gazzaahenyi Awugichew, guyyaa Alaabaa barana kabajamuun isaa raayyaan daangaa biyyattii kabachiisuuf tattaaffii ol'aanaa taasisaa yeroo jirutti ta'uu isaatiin hiika addaa kan qabu ta'uu ibsaniiru.
Lammiin hundi naannoo argamutti nagaa fi tasgabbii eegsisuudhaan, tokkummaa ummataa cimsasaa fi qooda lammiummaa isaa bahachuudhaan guddina waaraa fi nageenya biyya isaatiif gumaacha taasisuun akka irraa eegamu dhaamaniiru.